Baasii Birrii Miiliyoona 38 oliin Gamoon Mana Murtii ijaarame eebbifame.

    Gamoon Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa fi Ol-Iyyannaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan Baasii Birrii Miiliyoona 38 oliin ijaarame eebbifame .
    Sagantaa Eebba Gamoo kanaa irratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa haasawa taasisaniin akka jedhanitti Yeroo ammaa kan Piroojektoonni baay’een akkaan harkifachuun rakkoo uumaa jiranitti Gamoon Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa fi Ol-Iyyannaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kun haala kanaan xumuramuun kan jajjabeefamuudha jedhanii Mana Murtii Federaalaa waliin qindoominaan hojjachuun hojii haqaa akka fooyyessuun irraa eegamuus dhaaman.
    Pirezidaantiin Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa fi Ol-Iyyannaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Mahamad gama isaaniin akka jedhanitti Gamoon kun haala ammayaawaa fi Mana Murtiif mijaawaa ta’een ijaaramuu eeranii kuniis hojii isaaniif shoora ol’aanaa kan gumaachu taachaas ibsaniiru.
    iddoo Addaa tan Kaziiraa jedhamuun beekamtu Mana Barnoota Notroodaam duubatti kan ijaarame.