Raayyaan Ittisa Biyyaa duula Hojii Birmadummaa Biyyaa eegsisuu fi ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuuf Garee ABUT (Baandaa) irratti jalqabe deegaruun Abboottiin Qabeenyaa fi Dhaabileen Bulchiinsa Dirree Dhawaatti kan argaman deegarsa Maalaqaa fi Meeshaalee laatan.
Sagantaa Wal-harkaa fuudhuu deegarsa taasifamee kana irratti Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh , Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar , Koomishinariin Koomishina Poolisii Dirree Dhawaa Koomishinar Alamuu Magriyaa akkasumaas Miseensonni Kaabinee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Iddoo argamanitti sirni wal-harkaa fuudhiinsa deegarsaa geggeefameera.
Wal-tajjicha irratti Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh haasawa taasisaniin akka jedhanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa duula Hojii Birmadummaa Biyyaa eegsisuu fi ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuuf Garee ABUT (Baandaa) kan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraayitti irratti jalqabe deegaruun Jiraattonni Araddoottan Baadiyaa fi Magaalaa taasisaa jiran itti-fufuu eeranii kanaan dura waamicha biyyaalessaaf Abboottiin Qabeenyaa fi Dhaabileen deebii saffisaa dachaadhaan laachuun adda duree turuus addeessaniiru.


