Jiraatonni Araddoottan Baadiyaa Horii 40 kan Birrii Miiliyoona 1.9 olitti shalagamu deegarsaan RIB laatan .

    Raayyaan Ittisa Biyyaa duula Hojii Birmadummaa Biyyaa eegsisuu fi ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuuf Garee ABUT (Baandaa) irratti jalqabe Kilaastaroota Baadiyaa Afranitti Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan argaman Jiraatonni Araddoottan Baadiyaa 38 Horii 45 kan Birrii Miiliyoona 1.9 olitti shalagamu deegarsaan Raayyaan Ittisa Biyyaa laatan.
    Sirna Wal-harkaa fuudhuu deegarsaa taasifamee kana irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa akkasumaas Bakka Bu’ootni Raayyaan Ittisa Biyyaa , Abbaan Gadaa Gadaa Afran Qalloo fi Ugaazotni akkasumaas Manguddoottan Biyyaa fi Abbootii Amantaaf iddoo aragamanitti sirni wal-harkaa fuudhiinsa deegarsaa taasifameera.
    Wal-tajjicha irratti Itti-gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa kan Damee Dirree Dhawaa Obbo Maabraatee Gabrayas akka jedhanitti Bulchiinsatti jiraatonni Araddoottan Baadiyaa fi Magaalaa Dirree Dhawaa deegarsa roga maraan Raayyaan Ittisa Biyyaaf duula Hojii Birmadummaa Biyyaa eegsisuu fi ol’aantummaa Seeraa kabajchiisuuf jalqabe milkaa’inaan akka goolabuuf deegarsi taasifamaa jiru shoora ol’aanaa qabaachuu eeranii kanaafiis hawaasa galateefataniiru.
    Wal-tajjicha irratti Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh gama isaaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa keenyaaf deegarsaa fi kabajaan hawaasni laachaa jiru ol’aanaan milkaa’ina duula Hojii Birmadummaa Biyyaa eegsisuu fi ol’aantummaa Seeraaf ga’ee guddaa qabaa jedhan.