Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Dubartoonni dhaabilee fi jiraatota irraa walitti babahan Guyyaa Ayyaana Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 15 marii paanaaliin kabajan.
Wal tajjii kana haasawaan kan banan Afa yaa’ii Mana Marii Bulchiinsaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa akka jedhanitti Guyyaan kun guyyaa mirgi walqixummaa Dubartootaa Biyya teenyatti itti raga’e fi beekamtii Seeraan ittiis argatee jedhan.
wal-tajjii kana irratti Barruun Qorannoo Seeraan Mirgoottan Dubartootaa taa’an irratti barreefamni dhiyaatee mariin taasifameera.
Dubartoonni Ayyaana sabaa sablamootaa 15 marii paanaaliin kabajan.


