waggoottan Afuriin dura hundeefamee kan hojiitti gale Ejansii Galmee fi Odeefannoo Ragaa Qabiyyee Lafa Magaalaa Qabiyyee Hawaasaa Mirkaneessuu fi Galmeessuun haala ammayyaawaan gara Kuusaa Odeeffannootti galchuudhaan kanaan dura Ragaa Odeeffannoo Qabiyyee rakkoo baduu irratti mul’achaa ture hambisuuf hoj-maatni diriirfamaa jiraachuu ibsameera.
Ejansichi hojiiwan hojjachaa jiru kana ilaalchisuun hawaasni hubannoo ga’aa akka qabaatu gochuun hojiiwan hojjatamaa jiran irratti qaamolee hawaasa gara garaa irraa walitti babahanii waliin mariin geggeefame irratti Daayireektariin Ejansii Galmee fi Odeefannoo Qabiyyee Ragaa Lafa Magaalaa Adde Muunaa Mahamad Galmeessuun haala ammayyaawaan gara Kuusaa Odeeffannootti galchuudhaan kanaan dura rakkoo baduu Ragaa Odeefannoo Qabiyyee Lafa Magaalaa irratti mul’achaa ture hambisuuf hoj-hojiiwan hojjatamaa jiraachuu wal-tajjicha irratti haasawa taasisaniin ibsaniiru.
Wal-tajjii marii geggeefame kana irratti kan hirmaattan jiraatonni Bulchiinsa kan Araddaa 02 wal-tajjii marii geggeessan irratti ibsaniiru.


