Bara 2012tti Kafaltoota Gibiraa Amanamoof Wal tajjii Beekamtii kennuu kan yaadannoo Sammuu Wareegamtoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamee fi Eebba Manguddootiin jalqabame kana haasawaan kan banan Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa Obbo Abdulsalam Mahammad jalqabsiisaniiru.
Akka Dirree Dhawaatti hojii Riifoormii kan Ammayaawaa Galii walitti qabuu jalqabame cimsuun akka itti fufsiifamuu fi badhaafamtootni osoo of hin daganne kanneen biroos jajjabeessuudhaan gara kanaatti akka fiduu qabanii fi kanaafiis deegarsa barbaachisaa akka taasisan kan dhaaman Itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar badhaafamtootaaf Ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Haala Badhaafamtootni Kafaltoota Gibiraa Amanamoo itti filaman ilaalchisuun Walitti qabaan Koree badhaasaa kanaa Obbo Waasihuun Abrahaa ibsaniiru.
Sirna beekamtii kana irratti Sadarkaa 3 ffaan 14 ; Sadrkaa 2ffaan 12 fi akkasumaas Sadarkaa 1ffaan 4 walumaagalatti Badhaafamtoota 30 beekamtiin kennameera.
Raga gara garaaniis Ambaasaadarootni Gibiraa sagantaa wa’ada galuus raawataniiru.
Wal tajjii kana irratti Hoogantoonni ol’aanoo Bulchiinsaa fi Dhaabaa hirmaataniiru.
See Translation


