Sagantaa fi Mallattoon Paartii Badhaadhinaa Dirree Dhawaa ifoome.

    Filannoo Biyyaalessaa 6ffaa geggeefamuuf jedhu irratti Paartiin Badhaadhinaa Sagantaa fi Mallattoon Dirree Dhawaatti ittiin dorgomu sagantaan beeksisuu fi ifoomsuu geggeefame irratti Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa Obbo Maabraatee Gabrayas akka ibsanitti kaayyoo Paartii Badhaadhinaa Ummataa fi biyya teenya badhaadhinatti ceesisuudha kanaafiis sagantaa ittiin ceesisuus baafatee kaayyoo kana kan mul’isu mallattoo Aampoolii Iftuu qabatee filannoo 6ffaa biyyaalessaa fi Naannoo irratti dorgomuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsan.
    Sagantaa kana irratti Hoogantoonni ol’aanoon bulchiinsa Dirree Dhawaattii fi kan Paartiin Badhaadhinaa kan hirmaattan yoo ta’u Mallattoon Ampoolii Iftuu qaphoofte ifoomsuu fi kurfiiwan gara garaas geggeefamaniiru.