Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Talaaliin Koronaa kennamuu jalqabe.

    Bulchiinsatti Talaalii Koronaa 19 kan namoota kum 6 ta’u Dirree Dhawaatiif qoonni kan ga’e yoo ta’u Talaaliin kuniis Ogeeyyii Fayyaa fi deegartoota akkaan dhibee Koronaatiif saaxilamoo ta’aniif iddoo Itti Aanaan Kantiibaa Obbo Kadiir Juhaar, Afayaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faaxum Musxafaa, Hoogantuun Biiroo Fayyaa Adde Lamlam Bazaabih dabalatee keessumoonni kabajaa iddoo argamanitti duulli Talaalii kennamuu jalqabeera.
    Guraandhala 28-2013 tti Miiliyoona 2.2 akka Biyyaatti Itoophiyaaf laatamuu fi kuniis Naannolee fi Bulchiinsa magaalaa lamaaniif qoqoodamuu Adda Lamlam addeessanii Talaaliin kum 6 Dirree Dhawaaf qoodame nu harka ga’eera kanaas Ogeeyyii Fayyaa kan dhaabilee Fayyaa Mootummaa fi Dhunfaatti hojjataniif Guyyaa Arraa Bitootessa 4 akka Biyyaatii fi Bulchiinsattiis Talaalichi kan jalqabame yoo ta’u buufata Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Jalqabaa kan Saabiyaanitti jalqabameera.