Ibsa haala yeroo fi waamicha biyyooleessa
Waajjirri Muummee Ministiraa ibsa laateen Ityoophiyaan qormaata barootaaf ishee qunnamaa turee fi humnoota badii ishee muudatan hunda injifachuun kabajamtee walabummaa ishee eegsistee ni jiraatti. Gootonni abbootii fi haadhooliin keenya weerara alaa qofaa osoo hin taanee baandoota keessaa jilbeeffachiisuun Ityoophiyaa har’a jiraachisaniiru. Carraa seenatiin har’as Ityoophiyaan harka isheen afaan keessee nyaachiste kan ciniinaan gantoonni biyyatti dhadhabsiisuu…


