Waajjirri Muummee Ministiraa ibsa laateen Ityoophiyaan qormaata barootaaf ishee qunnamaa turee fi humnoota badii ishee muudatan hunda injifachuun kabajamtee walabummaa ishee eegsistee ni jiraatti.
Gootonni abbootii fi haadhooliin keenya weerara alaa qofaa osoo hin taanee baandoota keessaa jilbeeffachiisuun Ityoophiyaa har’a jiraachisaniiru.
Carraa seenatiin har’as Ityoophiyaan harka isheen afaan keessee nyaachiste kan ciniinaan gantoonni biyyatti dhadhabsiisuu fi humnoonnii dhiyoo fi fagoorraa waloon ka’aaniiru jedha ibsichi.
Ityoophiyaan yeroo murtaa’aa hiyyummaa seenaa taasisuuf gara imalaa badhaadhinatti ce’aa jirtu kanaatti, lammaffaa dhalachuun biyyatti kan isaan hin gammachiifnee imalashee dhaabuuf hirmaannaa taasisaa jiru.
”Biyyii an hin bulchinee haa barbadooftuu” jechuun sagalee gantummaa dhageessisaa kan turee ABUT, gulufsiisa fardaa humnoota badii ta’uun nageenyaa biyyatti booreessuufi diiguuf hojii badii raawwatuu itti fufee jira.
Akkuma beekkamu Uumanni Ityoophiyaa rakkoo gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa ture osoo beekuu waggoota 27 darbaniif akka of sirreessuu carraa hedduu laateera.
Gareen shororkeessaa kun garuu shiraan kan guttame ta’uu isaan of sirreessuu hin dandeenye.
Mormii ummataan erga aangorraa bu’eehis carraan hedduun laatamuufis of sirreessuu hin dandeenye jedha ibsi Waajjirri Muummee Ministiraa haala yeroorratti laate.
Maqalee mandheeffachuun Ityoophiyaa diiguuf diinoota alaa fi keessaa waliin maallaqa biyyaa saamaa ture facaasaa tureera jedha ibsichi.
Walitti bu’iinsa uumuu, buqqaatii fi ajjeechaa sukkaneessaa guutuu biyyatti keessatti raawwachuu hojii guyyaa taasiisuun hojjechaa tureera.
Mootummaan ummanni Tigraay shira gareen kun xaxaa jiruun akka hin miidhamne garaagartee jiru karaa nagaan furuuf daandiin hin imalle hin jiru.
Doorsiisaa fi arrabsoo garichaa osoo hin nuffin mootummaan rakkoo jiru karaa nagaan furuuf hojjechaa tureera jedha ibsi kun.
Garichi kana hunda cinaatti dhiisuun Onkololeessaa 24, 2013 Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaarratti haleellaa raawwachuu badii isaa caalmaatti babal’isuun to’annoo ala taasiiseera.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa milishaa naannoo Amaaraa fi Afaar waliin ta’uun garee badii kanarratti tarkaanfii cimaa fudhateera.
Hoggantoonni garichaa hedduun barbadaa’aniiru, gariin booji’amaniiru, hidhattoonni hafan ammoo holqaa fi ummata nagaa keessa dhokataniiru.
Seera kabachisu madditti motummaan, Naannoo Tigraay garee badii kana irraa bilisa taasisuuf, bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf, ummanni ofiin akka of bulchu, gargaarsa namoomaa ummata biraan gahuuf, adeemsicha keessatti dogongoorota ummaman sirreessufi tajaajila fayyaa fi barnootaa jalqabsiisuuf ji’ootan 8’n darban keessatti, humna isaa guutuun carraaqeera.
Adeemsa kana keessatti harcaatoonni Juuntaa, ummata keessatti da’achuun ummata badiif kakaasaa, rakkoolee ummamaniin, ummanni Tigraay jireenya tasgabbi jiraachu hin dandeenye.
Raabsa deeggarsa namoomaa danquun, bu’uuraaleen misoomaa akka tajaajila hin jalqabne guufachisu ibsichi erreeraa.
Akkuma beekamuu yeroo nageenyi tureellee naannoo Tigraayitti uummattoonni harka sadii ta’aan deeggarsa seeftineetiin kan jirataanidha.
Waggaa darbee waqti qonnaa hoomaa hawwaannisaa fi sababa vaayrasii koroonaatin miidhaan diinagdee guddaan qaqqabuun isaa ni yaadatamaa jedha ibsi waajjirichaa.
Kana gidduttis duulli olaantuummaa seeraa erga eegalamee booda waqtii ganna dhufee.duulichii yoo itti fufee fi gannoonnii osoo tasgabbiin hin umaammiin yoo darban uummataarra rakkoo hamaan ni ga’aan. mootummaan dhukaasaa dhaabuun raayyaan ittisa biyyaa naannichaa akka bahuuf murtee dabarsuun isaa ni yaadatama.mootummaan kan inni dhuukasaa dhaabeefis inni jalqabaa hawaasaa fi qonnaan bulaaf ture.
Garichi, bara aangoo isaa dheeraatti goochaa suukkaneessaa sarbaa miirgaa namoomaa, fi hojii enyuumma balleessuu fi calliissun ilaalaa kan turan hawaasni idil adduunyaa har’a, humna badii kana raawwachisaa ajaandaa isaaniif waan barbaadaniif, isa kana baraaruuf carraaqqi gaarii mootuumaan taasiise akka hin ilaalletti irra darban.
Akkasiis ta’e, ummanni shoroorkeessaa Juuntaa irraa hanga dhummaati gargara hin baaneetti, qonnaan buulaan tasgabaa’e qootachu akka hin dandeenye ifa ta’eera.
Qonnaan buulaan, Tigraay gara qonnaatti kan deebi’uu miti, qonnaan bultoota naannoo ollaa jira akka hi qotanne, erga jeequu eegale bubbuleera.
Dhugaa caalaa soba leellisaa hojii isaanii itti fufaniiru.
Sababa deeggarsa namoomaan qaamoleen garichaaf deeggarsa taasiisan harkaa fi harkatti qabaman jiraachuu ibsichi eereera.
Mootummaan tarkaanfii waliigaltee dhukaasaa dhaabuu gamtokkee osoo hin fudhatin dura midhaan deeggarsaa kuntaalli kumni dhibbi 4, Zayitiin liitirri nyaataa miiliyoonni 2.5, boba’aan liitirri miiliyoonni 14, Xaa’oon kuntaalli kumni dhibbi 5 fi kumni 36 fi 979, sanyii filatamaan kuntaalli kumni 37 fi 599 maallaqa mootummaan bitamee kuusaa magaalaa Maqalee keessaa turuu ibsameera.
Lafti qotamuu danda’u % 70 akka qotamu taasiifameera.
Dabalataan midhaan nyaataa Meetirik tooniin kumni 1 fi 79, meeshaaleen nyaataan alaa tooniin 664, fi Boba’aan liitirri kumi 47 fi 740 dhaabbilee deeggartootaan gara magaalaa Maqalee galaniiru.
Kana boodas haala mijeessuun deeggarsi namoomaa osoo adda hin citin akka dhiyaatu hojjetamaa tureera.
Balalliin xiyaaraa deeggarsa namoomaa eeyyamameera.
Dhamaatiin kun hundi Ummanni naannoo Tigraay sababa garee Shororkeessan akka hin miidhamne yaaduun ta’uu ibseera.


