Qopheessummaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaattiin Ijaarsa Hidha Haaromsaa walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa cimsuun nageenyaf faayidaa qabu irratti mariin paanaalii Biyyaallessaa kan Hayyoonni Biyya teenyaa baay’een Qorannoowan gara garaa kan dhimma Ijaarsi Hidha Haaromsaa walitti hidhamiinsa Hawaas-Dinagdee fi Siyaasaa cimsuun Guddinaa fi nageenya naannichaaf bu’aa qabaachuu danda’u irratti qorattoonni damichaan qorannoowan qopheessan dhiheessuun mariin paanaalii irratti geggeefameera.
Mariin paanaalii Biyyaallessaa geggeefame kana irratti Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahamad Buuh, Pirezidaantiin Yuunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Ubaah Adam akkasumaas hoogantoonni Bulchiinsaa kan sadarkaa gara garaa fi bakka buutonni qaamolee hawaasa gara garaa marii paanaalii geggeefame irratti hirmaataniiru.
Mariin paanaalii Biyyaallessaa kan Guutiinsa bishaanii marsaa 2ffaan kun qabxiiwwan ogeeyyiin biyyoota sadanii dursa irratti waliigalan keessatti kan hammatamu ta’uu fi Akkaataa Ulaagichaan biyyoonni sadan waliigalee mallatteessanii baatiwwan 15 keessatti qorannoon lama akka gaggeeffamu tumamus Sudaanii fi Gibtsi ejjennoo qabataniin osoo hin milkaa’iin hafuu eeraniiru.
Ijaarsa Hidha Haaromsaa Xumursiisuun walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa cimsuun nageenyaf gatii olaanaa qabaachuu qorattoonni damichaa ibsan.
Hojiilee misoomaa cimaarratti xiyyeeffachuun qabeenya biyyatii kan guddisuu fi dandeettii marii kan ol kaasu ta’uu hayyoonni kunneen eeraniiru.
Kuufama biyyoo (Dalalii) gara Hidha Haaromsaatti galu % 50 ittisuun danda’amnaan Hidhichi galii dabalataa Doolaara Biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 40 kan galchu ta’uu eeraniiru.
Hojii Kunuunsa Qabeenya Uumaa sirnaan raawwachuun kuufama biyyoo gara Hidhichaa seenu ittisuun yoo danda’ame umriin hidhichaa waggaa 375 ga’uu danda’a jedhan.


