haala waliigala biyyattiin irratti arkamtuufi nageenya amansiisa biyyatti keysatti uumuudhaan misooma jalqabame fiinxa baassuf Tarsiimoo Mootummaan qophaa’e irratti ballinaan hojjatyootaaf hubannon Uumame jira. Sadarkaa biyyoleysaattis tahe akka bulchiinsa Dirre dhawaatti nageenya amansiisa fiduudhaaf duula humna shoorarkeeysa Shanee irratti baname cinaa murannoo guutuun kan dhaabbatan tahuu hojjattoonni biiroo kun mirkaneysaniijiran.
Nageenyaa bulchiinsa Dirre dhawaatti gufuuleen gurguddoon ergamtuu wayyaane kan tahe humna shoorarkeeysa gaafa haarayoomsaa ABO irraa fottoqee gara maqaleetiin aboy sibhat irra ergama fudhachuudhaan gara badiitti seenun isaa kan yaadatamu hoggaa tahu TPLF wajjiin michumma qabu ifaan ifatti erga ummataaf ibse booda gochi suukanneysaan wayyanenn ummata keenya irratti raawwachaa turte madaan isaa osoon qoorin wayyene waliin walitti hidhachuun ummata keenya tuffachiisudha jachuudhaan humni guddan murna kanau irraa foxxoqqe gara mootummaatti harka kennachuun isaa niyaadatama .
yaro ammaan tanaatiis waamicha Abootiin gadaa dhiheeysaniif simatanii irra hedduun isaani guyya guyyaan gara umata isaanitti galaa jiran.
dhihootaa murni shanee kun Oromiyaa irraa qindoomina hawaasaatiifi humna nageenyaatiin arihame araddoota baadiyyaa bulchiinsa Dirre dhawaa keysatti hojii shoorarkeeysumma hojachuuf tattaafi godhee tureen qindoomina humna nageenyaa milisha ,humna poolosi adda tifi poolosi fedraalatiin tarkaaniin irratti fudhatame kan jiru yo tahu hammi tooko qabame to anna humna nageenya jala oole jira kan hafan immo yaroof faan balleyfatani jiraataniis eeru ummataatiin yaroo dhihotti toanno jala kan oolan tahu shakkiin hin jiru
Nageenya naanno teenya waliin haa eeggannuu!


