Harcaatii barattootaa hir’isuu fi ittisuuf Deegarsi meeshaalee barnootaa shoora ol’aanaa qabaa jedhame.

    Waajjirri Ga’uumsa Dandeettii hojii fi caaraa hojii Uumuu Bulchiinsa Dirree Dhawaa barattoota 100’f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasise irratti Hooganaan Waajjirri Ga’uumsa Dandeettii hojii fi caaraa hojii Uumuu Obbo Robel Getachoo akka ibsanitti deegarsi meeshalee barnootaa kun Harcaatii barattootaa hir’isuu fi ittisuuf yaadamee kan qophaa’e jedhanii deeggarsi kuniis kenname dabtara fi qalama kuma dhibba tokko ol baasii taasisuun kan kennamedha jedhan.
    Maatiin barattootaa fayyadamoo deeggarsichaa ta’anis qaala’insa gatiifi baay’ina barataa qabaniin bara kana ijoollee isaanii mana oolchuuf yeroo dirqamanitti deeggarsa argachuu isaaniitiin gammaduu himan.
    Dhalootni akka baratuuf deeggarsi taasifamu egeree biyyaa ijaaruuf waan ta’eef, sagantaa gargaarsa magaalaa fi badiyyaa bulchiinsa Diree dhawa hedduu barnotaa keessatti jajjabeesaamu qabu jedhan itti gafatamatuun biro barnoota Adde Muluka Mahammad himaniiru.
    Lammiin barate saba irraa dhalateef gumaacha akka buusu Obbo Robel Gatachoo agarsiiftuu tokko akka ta’aniifi maatiin barattootaa yaaddoo bittaa dabtaraafi qalamaa jalaa baatan, ijoolleen keessan qixaan baratanii qabxii ol’aanaa galmeessisuun fakkeenya akka ta’aniif gahee isinirraa eeggamu bahuu qabdu jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Caarraa fi dandeettii huji uumu Obbo Robel Getachaw.
    Farhan Suleymaan gabaase.