Fulbaana 11,2015-‘’Komishiniin Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa Itiyoophiyaa dadhabsiisuu fi maqaa balleessuuf qaama ergama siyaasaa kennameefidha.’’- Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Ministeera Muummee Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

    Gabaasni Komishinichaa kaayyoo siyaaasaa akka qabu ifatti mirkanmeesseeras jedhan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
    Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ’Komishiniin Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaa qaama ergama itti kenne fedhii siyaasa yeroo milkeessuuf akka hundeeffame karaa tiwitarasaanii ibsaniiru.
    Komishinichi soba dhugaa fakkeessuu fi ana qofaadha sirriin yaada jedhu kan ofkeessaa qabu ta’uus himaniiru.