Irreechi Fulbaana 21fi 22 irreeffatama

    Ayyaanni Irreechaa baranaa kan sabaafi sablammootni hundi tokkummaadhaan kabajan ta’uu Gumiin Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.
    Abbootiin Gadaa Oromoo ibsa dhimmicha ilaalchisuun har’a Adaamaatti kennaniiin, Irreechi Hora Finfinnee guyyaa 21, kan hora Harsadee immoo bariitusaa gaafa 22 ta’uu beeksisaniiru.
    Guyyichatti alaabaa abbaa Gadaa malee kan biraa tokkollee hin heeyyamamu jedhameera.
    Guyyichatti wantoota Irreecha miidhagsaniin faayamanii bifa nagaa qabuun irreeffachuun hundarraa akka eegamus ibsameera. Gumiin gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo ayyaannii Irreechaa bara kanaa Fulbaana 21 fi 22 ALI Finfinnee fi Bishooftutti wal duraa duuban akka kabajamu har’a beeksisanii jiru.
    Abbootiin Gadaa Oromoo ibsa dhimmicha ilaalchisuun har’a Adaamaatti kennaniiin, Irreechi Hora Finfinnee guyyaa 21, kan hora Harsadee immoo barii isaa gaafa 22 ta’uu beeksisaniiru.
    Guyyichatti alaabaa abbaa Gadaa malee kan biraa tokkollee hinheeyyamamu jedhameera. Ayyaanni Irreechaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf hunduu tumsuu qaba jedhan Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo kunniin ibsa kennaniin.
    Irreechi bakka tokkummaan uummata Oromoo itti mul’atuudha, Irreechi Irree Oromoota maraatii kan jedhan Dura Taa’aan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo, Ayyaanni Irreechaa bara kanaa karaa duudhaafi aadaa Oromoo eegeen akka kabajamuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.
    Duudhaalee aadaa keenya eeggachuun ayyannicha madda hawwata Tuurizimii guddaa akka ta’uuf namni hunduu miidhagina sirnichaaf uffannaafi faaya aadaan miidhaganii argamuu qabu kan jedhan ammoo Barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaati.
    Bakki Irreechaa bakka tokkummaan Oromoo itti mul”atu, bakka jaalalaati, bakka tokkummaati, miidhagni Oromoo addunyaatti kan itti mul’atuudhas jedhan.