Abbaan Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsaa Diree Dhawaa guddina diinagdee mirkaneessuun badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedha
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsa Diree Dhawaa obbo Abdusalaam Mohaammad misooma diinagdee mirkaneessuun misoomaa fi badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedhaniiru. Jijjiirama hoggansa dura bulchiinsi baasii bulchiinsaa dhibbeentaa shantama ol galii gibiraatiin uwwisuu kan hin dandeenye yoo ta’u, yeroo ammaa garuu galiin gibiraa bulchiinsa irraa sassaabame baasii bulchiinsaa dhibbeentaa 78% uwwisuu kan danda’ee tahuu…


