Abbaan Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsaa Diree Dhawaa guddina diinagdee mirkaneessuun badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedha

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsa Diree Dhawaa obbo Abdusalaam Mohaammad misooma diinagdee mirkaneessuun misoomaa fi badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedhaniiru.

Jijjiirama hoggansa dura bulchiinsi baasii bulchiinsaa dhibbeentaa shantama ol galii gibiraatiin uwwisuu kan hin dandeenye yoo ta’u, yeroo ammaa garuu galiin gibiraa bulchiinsa irraa sassaabame baasii bulchiinsaa dhibbeentaa 78% uwwisuu kan danda’ee tahuu obbo Abdusalam Himaniiru.

Bara kana ji’oota jaha keessatti birriin biiliyoona afur walitti qabnu, kan bara baajataa darbe bara baajataa guutuu keessatti walitti qabnuun wal fakkaata, Diree Dhawaa magaalaa dorgomaa baasii mataa ishee uwwisuu danda’u kan taasisu ta’uu kan himan hogganaan kun, guyyoota kudha shanan darban qofa keessatti galii sassaabuuf carraaqqii taasifameen birrii miiliyoona dhibba tokko walitti qabamuusaa ibsaniiru.

Dameen sassaabbii galii hannaaf saaxilama olaanaa waan ta’eef, Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Bulchisa Diree Dhawaa sirnoota kaffalaa gibiraa fi sassaaba gibiraa irratti amantaa uumuun hojiirra oolchaa jirachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa gibira dijiitaalaan (karaa baankii moobaayilaa fi Tele Birr Walleetin) kaffaluu fi odeeffannoo kaffaltoota gibiraa dijiitaalaan qindeessuun alatti, kaffaltoonni gibiraa ji’a ji’aan fi ji’a sadiitti ergaa ergaa gabaabaatiin hanga gibiraa liqii qaban akka beekan taasisuun, dandeettii dhaabbatichaa fi kaffalaa gibiraa irratti odeeffannoo quubsa amantaa qabuu ka uumee tahuu kaasaniiru.

Sassaabaan gibiraa kun yeroo gara hojiitti imalu QR koodii uffatee, bakka sassaabaa gibiraa fi kaffalaa gibiraa salphaatti adda baasuu danda’uun hanna maqaa galiitiin raawwatamu hir’isuu danda’ee jiraachu ibsaniiru obbo Abdusalam.

Ji’a Guraandhalaa keessa Hojatoot malaammaltummaan shakkaman torba ol qorachuun tarkaanfii kan fudhatan kan ari’ee kan sadarkaa gadi bu’uus isaanii kan Himan ittii gaafatamaan abbaa taayitichaa, tarkaanfiiwwan walfakkaatan kan fudhatan tahuu ibsaniiru.

Abbaan Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsaa Diree Dhawaa qorannoo kontiroobaandii fi seeraan alaa dhabamsiisuuf gaggeeffameen naannolee adda baafaman irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojii eegaluu beeksisee, lammiileen daldala seeraan alaa irratti bobba’an gara seera qabeessummaatti akka dhufan waamicha dhiyeesaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *