Gibira Yeroon Kaffaluudhaan Guddinaafi Badhaadhina Bulchinsaa Gumaachuu Barbaachisa Jedhame.
Abbaan Raayyaa Galiiwwan Bulchinsa Dirree Dhawaa Sosochii Jalqabsiisa Qaraxaa Bara 2017 fi Labsii Galii Federaalaa Lakk. 1395/2017 irratti Hawaasa Daldalaa Waliin Waltajjii Marii Gaggeesse. Gibirri Misoomaafi Badhaadhina Biyya Tokkoof murteessaa ta’uu kan dubbatan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waltajjicharratti haasaa taasisaniin keessumattuu galii hawaasa daldalaa Bulchinsaarraa sassaabameen hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu…


