Miidhaa Balaa Uumamaa fi Namtolcheen Nama irra ga’aniif deegarsa Namoommaa Bara 2018tti deegarsa Humna Ofiitiin Uwwisuuf kurfiin haal-duree taasifamaa jiraachuun ibsame.

‎Koomishiniin Hoogansa Sodaa Balaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Bara 2018tti Miidhaa Balaa Uumamaa fi Namtolcheen Nama irra ga’aniif deegarsa deegarsa Namoommaa Humna Ofiin Uwwisuuf kurfiin haal-duree taasisaa jiraachuu fi kana irratti Gaggeesota Ol’aanoon Bulchiinsaaf waltajjii hubannoo Uumuu laateera. ‎ ‎Hoggansi Ittisa Sodaa Balaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Tarsiimoo Fi Imaammata Bahe Hojiirra Olmayaafi Deeggarsa Taasifamuuf Hirmaannaa Hawaasaa…

Read More

Bulchinsatti Sagantaa Seeftineetii Misoomawaatiin Hojiileen Jiraattota Bulchinsaa Fayyadamoo Taasisan Hojjetamuun Ibsame.

Ministeera Qonnaa Itoophiyaatti Qindeessi Wabii Midhaan Nyaataa Biiroo Qonnaa Bishaan Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun hojiilee sagantaa seeftineetii Hojjetamanirratti qooda fudhattoota waliin watajjii marii gaggeesse. Guyyaa kanattis hojiilee Sagantaa seeftineetii misoomawaa marsaa 5ffaatiin araddoota aanaalee baadiyyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa keessatti hojjetaman kanneen akka oomisha kuduraafi muduraa, horsiisa loonii, kunuunsaa bishaaniifi biyyee irratti xiyyeeffachuun…

Read More

Filamtoonni Aanaa 04 Ummata filatee waliin Rakkoolee Hawaasa Aanichaa irratt mari’atan.

Filamtoonni Aanaa 04 baaka Bu’uun Mana Marii Dirree Dhawaaf hawaasa Aanaa 04 filaman waliin Rakkoolee Hawaasa Aanichaa irratt mari’atan. ‎ ‎Waltajjii kana Irratti Aanaa 04 bara Bajataa 2017tti hojiiwan ijoo raawate Kan mul’isu barruun erga dhiyaateen booda hirmaatonni Marichaa gaaffii fi yaadota bal’aa Kan kaasan yoo ta’u gaaffii fi yaadonni kaasan Kan ijaarsa bu’uraalee Misoomaa,…

Read More

Hojiilee Tola-ooltummaa Hojiilee Idilee Waliin Walqabsiisuun Raawwachuun Kan Barbaachisu Ta’uun Ibsame.

Biiroon Misoomma Maallaqaafi Abbaan Taaytaa Galiiwwan Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin Ta’uun Paarkii Dr Kaajaa Art. Alii Birraatti Hojii tolaooltummaa gannaa gaggeessan. Saganticharrattis hojiilee kanneen akka biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuufi kanneen biroos kan gaggeeffame yommuu ta’u Hoggantuu Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mohammed saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin hojiin tola ooltummaa kan yeroo…

Read More

‎Itti Aanaan Muummee Ministeeraa FDRI Obbo Temesgen Xiruneh pirojektii ijaarsa daandii saffisaa Mi’eessoo-Dirree Dhawaa Jalqabsiisan..

‎Sirni jalqabsiisa pirojektii ijaarsa daandii saffisaa Mi’eessoo-Dirree Dhawaa Kan jalqabsiisan Itti-Aanaan muummicha ministeeraa obbo Temesgen Xiruneh fi hoggantoonni ol’aanoon Federaalaa, bulchiinsa Dirree Dhawaa fi naannoolee argamanitti gaggeeffamee jira. ‎ ‎Ijaarsi Piroojektii Daandii Saffisaa Mi’eeysoo – Dirree Dhawaa walitti Hidhamiinsa daldalaa naannawichaafi Hariiroo Ummataafi Ummataaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu…

Read More

Hojii tola ooltummaatiin yeroo Gannaa kan walgargaarsaa fi deggersaaf hunduu Akka qabu ibsame.

Hojjatoonnii fi Gaggeessonni Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Mooraa Mana Amala Sirreessaa Federaalaa kan Dirree Dhawaatti Tajaajila Tola ooltummaa ji’oota Ganna bara 2017 sababeefachuun Hojiiwan gara garaa Raawataniiru. Hojiiwan raawatan keessaa hojiin biqiltuu dhaabuu, Arjooma Dhiigaa fi hojii Kunuunsaa fi Qulqullina Sirreefamtoota dubartootaa dabalatee deeggarsa taasise. Sagantaa kana irratti argamuun Haasaa kan taasisan Waajjira Paartii…

Read More

Aanaa 03 gabaasni raawwii karoora baajata bara hojii 2017 fi karoora baajata bara hojii 2018 bakka qooda fudhattootani argamanitti gamaaggame

Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03tti gabaasni raawwii karoora bara baajata 2017 xumurame keessatti hojiin misoomaa fi bulchiinsa gaarii fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa akka ture ibsameera. Aanaa 03 gama carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir’isuu, omisha qonnaa fi oomishtummaa magaalattii Sanbataa fi Wiixata dabaluu, nagaa fi nageenya naannoo sanaa mirkaneessuu, gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuun…

Read More

Hojiiwan Namooma Jidugaleefate Cimanii ittifufuu akka qaban ibsame.

Hojii Tola Ooltummaa ji’oota Ganna 2017 sababeefachuun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiiwan Tola Ooltummaa raawwatamaa kan jiran too ta’u Aanaa 03 tti Hojii Tola Ooltummaa ji’oota Gannaan Jidugala Mangudoota Asagadachitti hojiiwan Tola Ooltummaa gara garaa raawwatamaniiru. Mangudoota Jidugala Mangudoota Asagadachitti argaman hojii Tola Ooltummaa kunuunsuu fi tajaajiluu raawwatan. Hojii gaggeessaan olaanaa bulchiinsa Aanaa 03 Obbo Mitikuu…

Read More

Guyyaan Dargaggoota Addunyaa 26ffaan Dirree Dhawaatti kabajame.

Waggaa waggaan Kan kabajamu Guyyaa Dargaggoota Addunyaa kabajamu sababeeffachuun, Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Waldaa Dargaggoota Qabeenyaa waliin tahuun, qaamoota hawaasaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisee jira. Guyyaan Dargaggoota Addunyaa marsaa 26ffaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa sagantaa garaagaraatiin kabajamee jira. Sagantaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo…

Read More

Jiraatonni Anaa 03 tti Koree ijoo hojii misoomaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetaman dagaagsuu fi piroojektoota kaappitaalaa bara 2018

hojjetaman Koreen to’atu filatan. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Jiraatonni Anaa 03 hojiiwan misoomaa gurguddoo raawataman irratti hirmaannaa hawaasaa guddisuu fi piroojektoota kaappitaalaa Kan bara 2018 Aanichatti hojjetamuu qaban Kaban Koreen hojii Hordoffii fi To’annoo raawatu filatan. Piroojektoonni bara 2017 karoorfaman sababa hanqina baajataatiin raggaasifamanii hojiirra ooluu dhabuun isaaniis gabaasa hawaasaaf dhiyaate keessatti hubatameera. Ijaarsi dirree tapha…

Read More