Ji’a Ramadaanaa dhufu kana keessatti ummanni muslimaa hawaasa Harka Qalleeyyii gargaaruu fi hojii gaarii raawwachuun sooma kabajuu qaba”

Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawa obboo Kedir Johar. Soomni ji’a Ramadaanaa 1446 guyyaa 6 booda akka eegalu ni beekama. Waltajjiin Merkuz 30ffaan sirna amantaa Islaamaa adda addaatiin bakka hordoftoonni amantii Islaamaa, Ulamaa’otaa fi imaamoonni bulchiinsa Dirree dhawaa hedduun iddoo argamanitti kabajameera. Sagantaa kana irratti bakka bu’aan Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Ustaaz Abdallaah…

Read More

Waltajjiin Marii hawaasaa Biyyaalessaa “Waadaa hanga Aadaa” Dirree Dhawaatti gaggeefame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bakka bu’oonni Qaamolee hawaasa gara garaa Kan irratti hirmaatanii fi Paartiin Badhaadhinaa Murteewanii fi Kallattiiwan fuulduraaf kaa’aman irratti Kan xiyyeefate waltajjii Marii Biyyaalessaa Dirree Dhawaatti gaggeefame. Waltajjii kanaaniis kallattiifi Murteewwan yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin kaayamaniifi hojiirra oolmaya isaarratti Hundaa’uun mariin taasifameera. Waltajjii kana irratti haasaa baniinsaa Kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa…

Read More

Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf Saffisaa fi Kalaqaa hojjachuun murteessaa jedhan.

Biiroon Daldala Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Imaamataa fi Tarsiimoo Misooma Indastirii fooyya’e irratti qaamolee ga’ee Indastiriiwaniif leenjii hubannoo gabbisuu laate irratti Itti-Aanaan Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo, Daldala Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh akka jedhanitti Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf Saffisaa fi Kalaqaan hojjachuun murteessaadhaa jedhan. Obbo Harbiin itti dabaluuniis dandeettii…

Read More

Dubartoonni Seektaroota Mootummaa Keessatti Hirmaannaafi Fayyadamummaa Roga Siyaasaa Dinagdeef Hawaasummaatiin Adda Duree Akka Ta’an Hojjetamaa Jiraachuun Ibsame.

Dambii Ittiin Bulmaataafi Qajeelfama Paartii Badhaadhinaa Gurmuu Dubartoota Waajjira Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaafi Dhaabbilee Gadjalaatiif leenjiin hubannoo cimsuu kenname. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hoggantuu ijaarsa Gurmuu Dubartootaa kan ta’an Aadde Aynaalem Mangashaa sanadicha Yommuu dhiheessanitti dubartoonni adeemsa ijaarsa Badhaadhinaa Roga hawaasummaafi dinagdee keessatti shoora isaanii akka qabaataniif hojiileen jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii…

Read More

Dargaggoota Shaakallii leenjii Hojii irraa fudhachaa turuun Carraan hojii dhaabataan uumameef Dargaggoota 961 eebifaman

Biiroon Ga’uumsaa fi Carraa Hojii Deegarsa Baankii adunyaa fi Qaamolee ga’ee waliin qindaawuudhaan Dargaggoota Carraa hojiin fayyadamoo gochuuf Shaakallii leenjii Hojii irraa fudhachaa turuun Carraan hojii dhaabataan uumameef Dargaggoota 961 eebifaman Sirna eebbaa kana irratti Kantiibaan Bulchiinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir juhaar akka jedhanitti dargaggoonni Shaakallii leenjii Hojii irraa kan marsaa 2ffaa fudhachuun eebifamtanii carraa…

Read More

Waadaa Hanga Aadaa Mataduree Jedhurratti Murtoofi Kallattii Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii Idilee 2ffaa gaggeesseen Kaawwaterratti Waltajjiin Marii Gaggeeffame.

Yaa’ii Idilee Paartii Badhaadhinaatiin Murtoofi Kallattii Kaa’amerratti Waltajji Marii Hubannoo Cimsuu Miseensotaafi Gaggeessitoota Seektaroota Bulchinsaa hundatti gaggeeffame. Haaluma kanaan guyyaa har’aa miseensotaafi gaggeessitoonni dhaabbilee biiroolee seektaroota mootummaa kanneen akka Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii B/sa Dirree Dhawaafi dhaabbilaa gadjalaa, Waajjira Odiitara Olaanaa, Manamarii Bulchinsaa, Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa,Biiroo Fayyaa, Biiroo Misooma Manneeniifi Konistiraakshinii, Biiroo Misooma Dandeettii…

Read More

Paartiin Badhaadhinaa, Yaada Gara Wa’adaatti, Wa’ada ammoo Gara Aadaatti kan jijjiire Paartii Gochaati Ja’ame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Yaa’ii 2ffaa paartii badhaadhinaa mata duree waadaa hanga Aadaatti” ja’uun gaggeeffamerratti kallattiiwwanii fi murteewwan dabranii turan irratti xiyyeeffachuun waltajjiin hubannoo hoggantoota bulchiinsaa sadarkaan jiran hirmaachise gaggeeffameeti jira. Waltajjicha haasawaan kan banan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar hojii paartii cimaafi biyya cimtuu ijaaruu jalqabame galmaan gahuuf, ciminaan kan hojjatamu tahuu kaasanii,…

Read More

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hojiilee Roga Nageenyaatiin Waggoota Dabran Hojjatamaniin Jijjiiramni Guddaan Muullachuu Kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar ibsa gaazixeeysummaa laataniin beeysisan.

Kallattii paartiin badhaadhinaa Sadarkaa biyyooleeysaatti ”wa’adaa hanga Aadaa” jechuun hojiilee hawaasaaf hojjachuuf wa’ada seename qabatamaan dhugoomsuudhaaf kaayameen bulchiinsa Dirree Dhawaattiis hoggansi jijjiiramaa akkuma gama hojiitti galeen dhimmoota dursa kennee irratti xiyyeeffachuun hojjate keeysaa dhimmi nageenyaa hawaasaa mirkaneeysuu isa tokko ture. Dhimma kana ilaalchisuun ibsa kan laatan kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar hojiilee…

Read More

Galma Ijaarsa Paartii cimaa dhugoomsuun Ijaarsa Dhaabilee dhalootatti ce’anii qabatamaan ijaaruuf hojjatamaa jiraa jechuun Itti-Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf

Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii Idilee 2ffaa geggeesseen Hojiiwan Yaa’ii Idilee 1ffaa hanga Yaa’ii Idilee 2ffaatti raawataman Kan gamaagama Yoo ta’u murteewan gurguddoo murteesse keessa Hojiiwan Paartii Cimaa fi Mootummaa cimaa ilaalchisuun Dhimmoota Xiyyeefannoo irratti Ibsa laateera. Jiraachuun Paartii cimaa Sirna Siyaasaa tasgabbaawaa fi akkasumaas Hoj-maata Bulchiinsa Ummataa si’aawaa Uumuuf shoora ijoo Qabaa jedhan. Kanaafiis Tarsiimoo dhaabataa…

Read More