Bulchinsatti Walakkeessa Bara Baajataa Baajataa 2017 Kanatti Raawwiin Hojii Dhibbeentaa 90% ol Raawwatamuun Ibsame.

Bulchinsi Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii karoora hojii Dhaabbilee bulchinsaafi mana qopheessaa magaalaa kan walakkeessa Bara Baajataa 2017 gamaaggamaati jira. Gabaasa raawwii kurmaana lammaafaa dhihaateenis Roga Kaayzanii hojiirra oolchuutiin qisaasama qabeenyaa Birrii Mil. 5tti shalagamu hambisuuf karoorfamee birr mil 14 ol qisaasama hanbisuun danda’amee jiraachuufi raawwii kaayzaniirratti gaggeessitootaafi hojjettoota 476f lrenjiin hubannoo cimsuu kannamuun ibsameeti jira….

Read More

Sirni Gaggeessa Taabota Bataskaana Mikaa’el Gaggeeffamaa Kan jiru yommuu ta’u, hawaasni Muslimaa Aanaa 03fi Hordoftoota Amantichaa iddoo Cuuphaarraa deebi’aa jiraniif bishaaniifi nyaataa qopheessuun ayyaaneeffattoota waliin kabaja jiru.

Hirmaattita kanneen keessaa tokko tokko keessaa tokko tokko yaada DGC fi kennaniin Obboleewwan Keenya kanneen amantaa Ortodoksii hordofan yommuu iddoo ayyaanichaarraa deebi’an akka dadhabbiin itti hindhaga’amneef nuti muslimtoonnis akkuma isaan yeroo nuti Dirree salaata iidaarraa gallu nyaataafi dhugaatii qopheessuun nu cinaa dhaabatan Haala kanaan qopheessineeff; duudhaan akkasii kunimmoo durumaan kan abbootiin keenya gochaa turan waan…

Read More

Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhaawaa fi Geggeessonni Ayyaana cuuphaa irratti

Bulchiinsa Dirree Dhaawaa haala miidhagaan Kan Kabajamaa jiruun Kabajamoon Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhaawaa fi Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsaa fi Geggeessonni Sadarkaa gara garaa Guyyaa arraa Taabotoonni iddoo cuuphaa Bulan irraa gara teesumaa isaaniitti yeroo deebi’an dabaalaniiru. Kana malees hordoftoota Amantichaa kanneen Taabotoota dabaalaa turaniifiis Gaggeesota Aanaalee fi amantichaa qindeessuun Nyaata mi’aawaa fi Bishaan haalli itti laatan…

Read More

Sagantaan Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin Dirree Dhawaa gaggeefame.

Sagantaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin waltajjiin Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Qophesse kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi Ittigaafatamaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Gaggeessonni Mootummaa fi Paartii Kan Sadarkaa gara garaa hirmaan gaggeefameera. Hirmaatota Sagantaa Goolabbii kanaan Baga nagaan…

Read More

Sagantaan Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin dura Gaggeefamuu eegale.

Sagantaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin waltajjiin Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin dura Qophesse kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi Ittigaafatamaa Waajjirri Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Gaggeessonni Mootummaa fi Paartii Kan Sadarkaa gara garaa hirmaachaati jiru. Sagantaan Goolabbii Koonfiransii Yaa’ii Idilee…

Read More

Hojiin misoomaa Birrii Miiliyoona 129 olitti shalagamu Hojii Tola ooltummaa Ji’oota Gannaan raawatamuun ibsame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti bulchiinsatti “Tola Ooltummaan Olka’iinsa Itoophiyaaf’’ mataduree jedhuun hojii Tola Ooltummaa Dargaggoota ji’oota Ganna bara 2016 Hojiin misoomaa Birrii Miiliyoona 129 olitti shalagamu Hojii Tola ooltummaa Ji’oota Gannaan raawatamuun ibsame. Sagantaa Beekamtii fi Galateefa hojii Tola ooltummaa Dargaggoota Ji’oota Gannaa 2016 ilaalchisuun kurfii gaggeefame irratti haasaa Kan taasisan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo…

Read More

Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Hojiileen Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiran yeroo gabaabaa keeysatti xumuramuu akka qaban kallattii kaayan.

Jilli Hoggantoota olaanoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar duurfamu Hojiilee Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiru sadarkaa irratti argamu Irra naannawuudhaan daawwatee jira. Hojiin misooma koriidaraa akka biyyaatti adeemsifamaa jiru Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis hojjatamaati jira. Bulchiinsatti hojiin marsa marsaan hojjachuuf kan karoorfame yeroo tahu, marsaan jalqabaa ammoo baasii qarshii Biiliyoona 3’n lafa kiiloo…

Read More

Waldorgommii Baaskileetaa Shaampiyoonaa Biyyooleessaa Dirree Hariif Marsaa 2ffaa Warshaa Qorichaa Walwaaloo Adigiraat Bakka bu’uun Haylamalakoot Waldaabizgii Injifate.

Waldorgommii Shaampiyoonaa baaskileetaa Biyyaaleessaa Dirree Hariif Fageenya KM 100 kilaboota 6 jiddutti taphattoota 36 hirmaachisuun har’a Dirree Dhawaatti marsaan Lammafaan goolabameeti jira. Waldaorgommii kana Haylamalakoot Waldaabizgii Warshaa Qorichaa Walwaloo Adigiraat bakka bu’uun kan injifate yommuu ta’u, Kilabii Baaskilaa Dirree Toto bakka bu’uun Amiir Jaafar Lammaffaa ba’uun akkasumas Akram Kadiir Bulchinsa Magaalaarraa sadaffaa ba’uun xumuraniiti jiran….

Read More