Milkaa’ina Konfiraansii Naga’aa kan Dirree Dhawaa irratti Dargaggootaa waliin Mariin gaggeefame.

Dargaggoota Dirree Dhawaa kanneen Hordoftoota Amantaa gara garaa irraa walitti babahan kan Keessummeess Konfiraansii Naga’aa kan jalqabaa Dirree Dhawaatti gaggeefamu irratti Qindeessummaan hirmaatanii waliin Mariin gaggeefame. Gamtaan Dhaabilee Amantaa Dirree Dhawaa Gamtaa Dhaabilee Amantaa Itoophiyaa waliin ta’uun Koonfiransii Naga’aa kan jalqabaa Dirree Dhawaatti ilaalchisuun Hordoftoota Amantaa gara garaa irraa walitti babahanii waliin haala milkaa’ina Konfiraansii…

Read More

Sirni Gaggeessa Dr.Abel Melkamuu Dirree Dhawaatti raawwatame.

Kana waliin dirree kaayyoo hedduu qabu Komishinii Ispoortii bakka hoggantoonni olaanoo Dirree dhawa, maatiin isaa, michootni ogummaa fi jiraattonni magaalaa Dirree dhawaatti argamanitti sagantaa nagaa gaggeessuun, sirni awwaalcha isaa Waldaa Abbaa Waaqayyootti raawwatameera. Sirna awwaalchaa kanarratti kan dubbatan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree dhawaa Kabajamoo Kadir Johar du’a Dr.Abel Melkamu irratti gadda guddaa qaban ibsaniiru. Dr. Abeel…

Read More

Jiilli Ambaasadar Atiif Shariifiin duurfamu Carraawwan Invastimantii Dirree Dhawaa daawate.

Itoophiyaatti Ambasadara Pakistaan kan ta’an Ambasadar Atiif Shariifiin Jiilli duurfamu Carraawwan Invastimantii Dirree Dhawaa qabdu damee Invastimantii gara garaa ji irra naannawuun daawate. Jiilli kun daawannaan dura Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuhii waliin marii kan taasisan Yoo ta’u Obbo Harbiin marii kana irratti Carraa Invastimantii Dirree Dhawaa qabduu fi haala mijaawaa…

Read More

Konfiraansiin Nagaa kan jalqabaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeefamuuf kurfiin haalduree xumuramuun ibsame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Konfiraansiin Nagaa kan sadarkaa biyyaalessaa kan jalqabaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti gaggeeffamuuf kurfiin haalduree xumuramaa jiraachuun ibsame. Dhaadannoo “Amantaaleen nagaa fi tokkummaa” jedhuun konfiraansiin dhaabbilee amantaa bulchiinsa Dirree dhawa ibsa gaazexeessummaa har’a kenneen akka biyyaatti bulchiinsi Dirree dhawaa keessatti konfiraansiin nagaa jalqabaa Mudde 12/2017 Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree dhawaatti akka gaggeeffamu beeksiseera. Kaayyoon…

Read More

Guyyaa Farra Malaammaltummaa akka Addunyaa tti yeroo 21ffaaf fi akka biyya keenyaatti yeroo 20ffaaf kabajamu sababeeffachuun dorgommiin barattoota ciccimoo guddutti gaaffii fi deebii gaggeeffameera

Guyyaa har’aa mata”Qabsoon farra malaammaltummaa dargaggoota giddu galeessa godhate naamusa boruu ni ijaarra” jedhuun addunyaa irratti yeroo 21ffaa fi sadarkaa biyyaatti yeroo 20ffaaf guyyaan farra malaammaltummaa idil-addunyaa bulchiinsa Dirree Dhawaatti sagantaalee adda addaatiin ni kabajamaa jira. Komishinara Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kan ta’an Feenus Abduljabar akka jedhanitti, malaammaltummaan guddina biyyootaa irratti…

Read More

Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa ilaalchisuun Waldorgommiin Gaafiifi Deebii Gaggeeffamu.

#DGC Sadaasa 24/2017 “Qabsoo Farra Malaammaltummaa Dargaggoota Hammateen Hegeree Qajeelloo Ijaaruu” Mataduree jedhuun akka addunyaatti yeroo 21ffaafi Akka biyyaattimmoo yeroo 20ffaaf kan Kabajamaa jiru guyyaan farra Malaammaltummaa sagantaalee gara garaatiin kan Kabajamaa jiru yommuu ta’u, guyyaa har’aatiis waldorgommiin gaafiifi deebii manneen barnootaa giddutti taasifameeti jira. Komishinarri Komishinii Farra Malaammaltummaa Bulchinsatti Dirree Dhawaa Obbo Feenus Abduljabbaar…

Read More

“Damee Muuziqaatiin Dirree Dhawaa waamsisuun gammachuu guddaa naaf uumeera”

Artiisti Daani’eel Taadasa DGC Sadaasa 23/2017 Hundeessaa fi Hooganaan Maarshi Baandii Baratoota kan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Artiisti Daani’eel Taadasa Ministeerri Aadaa fi Ispoortii kan Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippablika Itoophiyaa Marsaa 4ffaaf sadarkaa Biyyaalessaatti “Kabajaan Aartiin” mata-duree jedhuun kurfii Beekamtii fi galateefannaa qophaawe irratti Damee Muuziqaatiin Artiisti Daani’eel Taadasa shoora ol’aanaa gumaachaniif badhaafamaniiru. Kanuma…

Read More

Guyyaan Dargaggoota Afrikaa 17ffaan haala addaan kabajame.

#DGC Sadaasa 22/2017 Guyyaan Dargaggoota Afrikaa 17ffaan qindeessummaa Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin mata duree “Aadaa Hojii Dargaggootaa Jijjiirame Dandeettii Uumamaa” jedhuun kabajameera. Obbo Bahr Abdella Itti aanaan Komishinara Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree dhawaa fi Daarektarri Daayirektoreetii Qindeessa Dargaggootaa fi Fedhii Gaarii sirna kana irratti argamuun haasaa taasisaniiru. Obbo Bahar dargaggoon…

Read More

Fayyadamummaa Diyaaspooraawwan Dhalattoota Dirree Dhawaa Mirkaneessuun Akka Danda’uuf Odeeffannoo Barbaachisoo Ta’an Sassaabuun Kan Barbaachisu Ta’uun Insane.

#DGC Sadaasa 19/2017 Waajjira Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Daayreektoreetiin Dhimmoota Diyaaspooraa Mataduree “Diyaasporaa Maappingifi Hojii Manajimantii Piroojektii Sassaabbii Ragaa diyaspooraawwan Dhalatoo Dirree Dhawaa Manaa Manattii Aanaalee Magaalaafi Baadiyyaa Bulchinsa Dirree Dhawaattii gaggeeysuuf Qooda fudhattoota waliin marii gaggeeyse. Daayreetarri Daayreektoreetii Dhimmoota Diyaaspooraa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Biniyaam Girmaa Waltajjii Marii Kana haasaan yommuu bananitti dhalattootaafi jaalattoota…

Read More

Dhaabbannii Leenjii Qophii Nyaataafi Keessummeessuu SKC barattoota 100 Leenjisiise Eebbise.

#DGC Sadaasa 15/2017 Ejensii Leenjii Barnootaafi Ogummaa Biiroo Hojiifi Dandeettii Bulchinsa Dirree Dhawaatti Dhaabbanni Leenjii qophii nyaataafi Keessumeessuu SKC Sagantaa kabaja guyyaa hundeeffama isaa waggaa tokkoffaa har’a kan gaggeesse yommuu ta’u guyyaa kanattis marsaa 5ffaaf kanneen leenjisaa ture barattootaa 100 eebbisiise. Kabajamoo Afayaa’ii Mana Mario Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Fatiyaa Aden Saganticharratti argamuun ergaa baga…

Read More