Baasii Bulchiinsaa Galii Bulchiinsaan Uwwisuuf tattaaffiin jalqabame cimee itti Fufaa jedhan.

Hoogantuun Biiroonl Misooma Maallaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mahammad ibsa gaazexeesitootaaf laataniin akka addeessaniitti Baasii Bulchiinsaa Galii Bulchiinsaan Uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiruun Bajata Bulchiinsaa keessaa Dhibbeentaa 77% Galii Bulchiinsaan Uwwisuun danda’amuu eeranii roga Galii Dinagdeen Bulchiinsaa maddisiisuu duguuganii Sassaabuun akkasumaas Carraawanii fi Filannoowan gurguddoo haalli qabatamaan Bulchiinsa qabu sirnaan fayyadamuun Gaaffii fi…

Read More

Bulchinsatti Piroojektoonni Jireenya Qonnaan Bultootaafi Horsiisee Bultootaa Foyyessuuf Hojjetamaa Jiran Jajjabeeffamuu Akka Qaban Ibsame

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Warkishooppiin Jalqabsiisa Piroojektii Foyya’insa Jireenya Hawaasa Gammoojjii Gulantaa 2ffaa (LLRP II) Gaggeeffame. Waltajjicharratti argamuun Haasaa Baniinsaa kan taasisan Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh pirojektiin haala qilleensaa gammoojjummaan walqabatee rakkoolee hanqina rooba gahaa dhabuutiin qonnaan bultoota hoongeen miidhamaa jiran haala Jireenya isaanii fooyyeessuuf Madda galii uumuufiifi oomishaafi oomishtummaa isaanii…

Read More

Hoj-maata yeroon gaafatu hordofuun Odeeffannoo Saffisaa fi qulqullina qabu Filannoowan gara garaan hojiin Hawaasa biraan ga’uu cimee akka itti fufu ibsame.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bara 2016 damee Infoormeeshin Komunikeeshinii Miidiyaatiin bu’aa galmaaweef Qaamolee shoora gumaachaniif beekamtii fi badhaasni kenname. Kurfii kana irratti Hoogganaan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa akka jedhanitti bara 2016 Tumsaa fi Qindoominaan Miidiyaa fi Komunikeeshinii hojiiwwan baay’een hojjatamuu ibsanii Kanaariis Qaamolee shoora ol’aanaa gumaachaniif galeeteefannaan barbaachisaadhaa jedhan. Obbo Biruuk…

Read More

Oduu| Waldaan Daldaltoota Hidaasee Daldaltoonni Darzantaraa Balaa ibiddaa Naannawa Daldala Ashawaatti mudateen daldaltoota miidhaman deebisanii hundeessuuf kan oolu deegarsa Birrii Miiliyoona 1.2 deegarsa taasisan.

Waldaan kun Waldaa Misooma Dirree dhawaatiif birrii kuma dhibbaa fi kudhanis gumaacheera. Hoggansi fi miseensonni waldichaa deeggarsa kana kabajamoo kantiibaa bulchiinsa Dirrree dhawaa Obbo Kadiir Juhaariif dabarsaniiru. Sagantaa walharkaa fuudhinsaa kana irratti Waldaan Haaromsa Ashawa Kabajamoo Kantiibaa Kadir Juhaar akka jedhanitti, daldaltoota ummata ibiddaan qabeenyi isaanii dhabaniif deeggarsi taasisan jajjabeessaadha. Miseensonni fi hoggantoonni waldichaas deeggarsa…

Read More

Oduu | Dirree Dhawaatti Barnoota Qulqulinaa fi haqaan waliin ga’uuf hojiiwwan hojjatamaniin bu’aan jajjabeessan argamuu Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ibsan.

Dirree Dhawaatti Barnoota Qulqulinaa fi haqaan waliin ga’uuf hojiiwwan hojjatamaniin bu’aan jajjabeessan argamuu fi hojiiwwan jalqqbamaniis cimanii kan itti fufan taachaas Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar addeessan. yaa’iin Barnootaa 33ffaan sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa gaggeefameera. Tattaaffii Ol’aanaan; Qulqullina Barnootaaf mata-duree jedhuun yaa’iin Barnootaa 33ffaa Gaggeefame irratti damee barnootaan bu’aa ol’aanaa argameef Qaamolee shoora…

Read More

Bulchiinsi Dirree Dhawaa Yaa’ii dhaabbilee amantaaf konkolaataa arjoome

Bulchiinsi Dirree Dhawaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Dirree Dhawaatiif konkolaataa arjoome. Sagantaa kanarratti Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Obbo Kedir Juhar furtuu konkolaataa walitti qabaa Ol’aanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Dirree Dhawaa kan ta’an Sheek Ibraahim Imaam, akkasumas Itti Aanaa Dura Taa’aa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Dirree Dhawaa Liqabirhanat qalamework Bimareh’f kennaniiru. Kabajamoo kantiibaan Kadiir Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa…

Read More

Misooma Koriidaraa Bulchinsatti Jalqabame Milkeessuu Keessatti Hoteelonni Gahee Isaanii Bahachuu Akka Qaban Ibsame.

Waajjirri Mana Qopheessaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Qajeelfama 1703/2017 kan Gibira Mana Ciisichaa Sassaabuuf Bahe Hojiirra Oolchuuf Qoodafudhattoota waliin waltajjii marii gaggeesse. Hogganaa Waajjira Mana Qopheessaa Magaalaa Dirree Dhawaa Injinar Jamaal Ibrahim waltajjicha yommuu jalqabsiisanitti wixineen qajeelfama Gibira mana ciisichaa sassaabuuf bahe kuni roga hedduun misooma koriidara deegaruu bira dabree fayyadamummaa abbootii qabeenyaa hoteellaniifi gudduna magaalaaf…

Read More