Oduu | Koomishiniin Marii Biyyaalessa Itoophiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Isniina marii Marsaa Ajandaa Walitti qabuu Isniina jalqabuufi.

Koomishiniin Marii Biyyaalessa Itoophiyaatti Koomishinar Ambaasaaddar Mahammuud Diriir ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin addeessan. Koomishiniin Marii Biyyaalessa Itoophiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Marsaa Ajandaa Walitti qabuu Isniina Hagayya 6 jalqabuun Qaamolee hawaasa gara garaa bakka bu’uun Filamanii fi Qaamolee ga’ee waliin Ajandaa Walitti qabuu Isniina akka jalqabuufi hojii Ajandaa walitti qabuu raawatuuf Bulchiinsa Dirree Dhawaa keessatti Qaamolee hawaasaa…

Read More

Imaammataafi Tarsimoo Nyaataafi Sirna Nyaataa Hojiirra Oolchuuf Qophiin Taasifamuun Ibsame.

Biiroon Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Mana Marii Nyaataafi Sirna Nyaataa Sadarkaa Bulchinsaa, Aanaafi Araddaatti Hundeessuuf Sanada Qophaa’erratti Kaabinee Bulchinsaa Waliin Marii Gaggeesse. Imaammanni Nyaataafi Sirna Nyaataafi guutuu biyyaatti akka hojiirra ooluu Itiyoophoyaan waliigaltee “Seqota Declaration” kan mallatteessite yommuu ta’u, Sadarkaa Federaalaarraa jalqabee hanga Araddaatyi Manni Marii hundaa’uudhaan hojiirra oolmaasaafis tarsiimoon qophaa’ee jiraachuu sandni qophaa’ee jiraachuu…

Read More

Mannii Waggaa 62 dura Hawwisoo Afran Qalloo ittiin hundaahuudhaan hujii itti gaggeeysaa turan haariyoomuun eybifame.

Magaalaa Jaalalaa Dirree Dhawaatti Waggaa 62 dura Manni Hundeefama Hawwisoo Afran Qallootiif gahee ol’aanoo taphate dhaloota ammaatiin haariyoofamuun ebbifame. Sagantaa eyba Mana (Goojjoo) tanaa irratti Hundeeysaa tuuta Urjii Bakkalchaa ykn Hawwisoo Afran Qalloo Obbo Usmaa’il Muummad Aadam dabalatee jiilli Biyya Kanaadaa, Jeerman, Awustiraaliyaa fi Minisoottaa irraa dhufan, Gaggeessotni Ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Kantiibaan Bulchiinsa Dirree…

Read More

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bakka Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 36ffaa taa’aa jira

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Bara Hojii 3ffaa bakka Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 36ffaa taa’aa jira Manni marichaa wixinee baajata mootummaa Federaalaa kan bara baajataa 2017 ni raggaasa jedhamee eegama. Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mareerraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu jedhamee akka eegamu mana maricharraa odeeffanne.

Read More

Lammiilee Balaa Ibiddaa Giddugala Gabaa Naannawa Ashawaatti Qabateen Miidhaman Dandamachiisuuf Furmaata Hatattamaafi Kan Yeroo Dheeraa Kennuuf Mariin Hoggantoota Olaanoo Bulchinsaa Gaggeeffame.

Magaalaa Dirree Dhawaatti balaa ibiddaa kaleessa ganamarraa naannawa sa’aatii 1:00 giddu gala gabaa Ashawaa jedhamutti qabateen lammiilee 500 ol ta’an kanneen qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e deebisanii ijaaruudhaaf bulchinsi qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesse. Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar bal’aan ibiddaa naannichatti mudate kuni gadda guddaafi qormaata Bulchinsa mudate ta’uu eeranii bulchinsi dirmannaafi…

Read More

Yaada Deegaramummaa Jijjiiruun Oomishtummaaf Haacarraaqnu. Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar.

Dirree Dhawaatti Gargaaramuurraa Gara Oomishtummaatti Birmadummaafi Kabaja Guutuu Biyyattiif! mataduree jedhurratti mariin hawaasaa gaggeeffame. Waltajjii marii kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar,haasaa baninsaa yommuu taasisanitti mootummaan yaanni gargaaramummaafi kadhattummaa rakkoo birmadummaa biyyattii balaaf kan saaxile waan ta’eef rakkoo kanammoo bu’urarraa furuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun xiiqiidhaan hojjechaa jiraachuu dubbatan. Kabajamoo Kantibaa Kadiir itti…

Read More

Dorgommii Fiigicha Km 5 Kan Dirree waliin haa Misoomsinuu gaggeefame..

Odeefannoo Waqtaawaa, Saffisaa fi Guutuu ta’e argachuuf ፡- Fuula Marsarii ፦ https://www.diredawacommunication.org Feesbuukii፡- https://www.facebook.com/DDGCAB Yuu Tuubii፦ https://www.youtube.com/channel/UCQNCC5tcc6Jd9zCKcmzQ-eA Telegraamii፦ https://t.me/DDGCAB Tiwiitariu፦ https://twitter.com/DawaOffice Firoomuun hordofaa ይከታተሉን፡፡ Yeroo mara፦ Waan nuu waliin turtaniif Isin Galateeffanna! Magaalaa Dirree Dhawaa waliin Taanee Haa Misoomsinuu Mata Duree ja’uun Sagantaan Fiigicha Daandiirraa Bakka Kantiibaa Kadiir Juhaar Argamanitti gaggeeffame. Fiigicha fageenya kiiloomeetira shan…

Read More

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabadaa Dirree Dhawaatti Daawannaa taasisan.

Pireezidaantichi yeroo Buufata Dirree Xayaara Idil-adunyaa Dirree Dhawaatti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Itti-Aanaa Kantiibaatti Waamamaa Mootummaa fi Itti-gaagatamaan Waajira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoogantoota ol’aanoo Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin simannaan addaa taasifameefiiti jira. Pireezidaant Xilaahuun turtii Dirree Dhawaatti taasisaniin Waajjira Hojigaggeessaa Magaalaan, Biiroo Daldalaa fi Indastiriin, Koomishinii Dargaggootaa…

Read More

Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa 51ffaan Biqiltuu Kunuunsuun kabajame.

Sadarkaa Idil-adunyaatti Yeroo 51ffaaf Akka Biyya teenya Itoophiyaatti yeroo 31ffaan Guyyaa Naannoo Idil-adunyaa baranaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aanaa Waaheel Araddaa Harillaatti Biqiltuu Kunuunsuun kabajame. Qopheessummaa Abbaa Taayitaa Bosona Naannoo fi jijjiirama Qabeenya Qilleensa Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin Baratoota Yuunivarsitii Dirree Dhawaa irraa walitti babahan, Jiraatonni Araddaa Harillaa baay’ee fi Qaamoleen ga’ee gara garaa kan irratti hirmaachisuudhaan…

Read More

Biiroon Barnoota Bulchiinsaa Dirree Dhawaa Gaggeesota Manneen Barnoota Dhuunfaa fi qooda fudhatootaa waliin marii gaggeesse.

Waltajjii marii kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Hooganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Sulxaan Alii akka jedhanitti Kaayyoon Marii kanaa Qulqulina Damee barnootaa mirkaneessuuf Tattaaffiin gara garaa Akka Biyyaa fi Bulchiinsaattiis taasifamaa jira jedhanii Qulqulina barbaadamu milkeessuuf Gaggeesota Manneen Barnoota Dhuunfaa fi qooda fudhatootaa waliin walhubachuun hojiiwan qulqullina Barnootaa fooyyessuuf dandeesisan irratti…

Read More