Bulchiinsi Dirree Dhawaa namoota Godaansa irraa deebi’an ogummaa adda addaatiin leenjisee hojiitti galchaa jiraachuun ibsame.
Jilli Gamtaa Awurooppaa, Imbaasiiwwan Ingilizii fi issiwiidin kan teessoo isaanii finfinnee godhate, akkasumas waajjira Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa (IOM) Itoophiyaatti argamu of keessaa qabu tattaaffii ijaarsa dandeettii namoota deebi’anii deebisaniif taasifamaa jiru irratti bulchiinsa Diree Dhawaa waliin marii gaggeessee jira. Bulchiinsi kun bulchiinsa Diree Dhawaa keessatti hojiin baqattootaa deebisanii hundeessuuf keessattuu carraa hojii uumuu fi…


