Malkaa-Jabduun Dhukkeefi Balfarraa Bahuun Miidhagina addaa Goonfachaati Jirti – Jiraattoota Aanaa 01

Hojiin Misooma Koriidaraa Aanaa 01tti Hojjetamaa Jiru Malkaa Jabduu Dhukkeefi Balfa adda addaarraa bilisa taasisaa Jiraachuu bifa haaraan miidhagina addaa gonfachiisaa jiraachuu jiraattoonni magaalattii dubbatan. Hogganaa Waajjira Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaafi Deeggaraa Hojii Misooma Koriidaraa Aanaa 01 kan ta’an Obbo Fu’aad Mohammed daandii guddichi “highway” aanicha keessa dabruun bara ganda Industirii geessu haala baay’ee…

Read More

Misoomni Koriidaraa Aanaa 07 hojjetaa jiru Sosochii Daldalaa Naannichaaf Haala Miijataa Uumuurratti Faaydaa Guddaa Qaba.

Hawaasa Daldalaa Aanaa 07 tti argaman. Hawaasni daldalaa Aanaa 07 Misoomni Koriidaraa Aanichatti hojjetamaa jiru sosochii daldalaa aaannichaaf Haala Miijataa Uumuurratti Faaydaa Guddaa kan qabu ta’uu ibsan. Misooma Koriidaraa duratti iddoon daldalaa aanichatti argaman hundumtuu baay’ee dulloomuufi naannawichatti balfiadda addaa Itti gatamuudhaan haalli qilleensaa naannoo Sana’a faalamuudhaan fayyaa namootaaf rakkisaa ta’uu eeranii yeroo ammaa kana…

Read More

Koreen Dhaabbii Qonnaa, Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa Naannoo Kuusaalee Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa jalatti argaman irratti daawwannaa dirree gaggeesse.

Koreen Dhaabbii Qonnaa, Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa Naannoo mana marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa guyyaa har’aa Komishinii Hoggansa Sodaa balaa jalatti kuusaa midhaan, meeshaalee manaa fi dhiyeessii yeroo hatattamaa adda addaarratti qorannaa Dirree gaggeeseera. Walitti qabaan Koreen Dhaabbii Qonnaa, Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa Naannoo Kabajamoo Ahammad Abdoo daawwannaa Dirree itti fufuu ishee ibsuun, midhaan Araddaalee baadiyyaa…

Read More

“Iddoowwan Kanaan Dura Bakka Balfi Adda Addaa Itti gatamaa Ture Yeroo Ammaa kana Bifti Isaanii Jijjiiramee Hawwaattuu Fi Qulqulluu Ta’aniiru.” – Jiraattota Aanaa 04

Hojii Misooma Koriidaraa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aanaa 04 Itti hojjetaman jiraniin Kanaan dura Bakka tokko tokko kan turiifi Balfi adda adda Itti gatamaa ture yeroo ammaa kana bifti bifti isaanii tolee iddoo bashannanaafi hawwattuu ta’anii jiru jedhan. Hojiin Misooma Koriidaraa aanichatti hojjetamaa jiru iddoowwan balfi adda addaa itti gatamaa tureefi rakkoo fayyaa uumaa jiraachuu kan…

Read More

Hojiin Misooma Koriidaraa Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Fuulduratti Hojjetame Bareedina Magaalaa Kan Gonfachiiseefi Dargaggoota Naannichaaf Iddoo Buhaartii Kan Taasisee Ta’uun Ibsame.

Hojiin Misooma Koriidaraa Komishiniin Daragaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Maatii Ispoorteessitootaafi Hawaasa Naanichaa waliin Ta’uun Adda Baba’ii Fuuldura Komishinichaa deebisanii misoomsuufi miidhagsuun Hojjetame naannicha hawwataa taasisuun Ibsame. Komishinarri Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Hojii Misooma Koriidaraa Bulchinsatti hojjetamaa jiru waliin walqabatee Aanaa 03 Waajjira Komishinichaa fuulduratti kan argamu maatii ispoorteessitootaafi hawaasicha waliin ta’uun Addababa’i…

Read More

Softiweeriin Ragaa Barsiisotaa Gurmeessuufi Tajaajila Si’ataa Kennuuf Tajaajilu Ifoome.

Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ragaa Barsiisotaa Gurmeessuufi Tajaajila Si’ataa Kennuuf Tajaajilu ” TMIS” jedhamuun beekkemu ifoomseeti jira. Waltajjiicharati kan argaman Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasawa taasisaniin, sirni bulchiinsa odeeffannoo barsiisotaa fooyya’aa ta’e qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Obbo Kadiir Juhaar Itti dabaluudhaanis…

Read More

Misooma Koriidaraa Jalqabameen Hojiilee Naannoo Keenya Bareedduufi Hawwattuu Taasisuu Cimsinee Itti Fufna Jiraattota Aanaa 03

Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03 tti hojii Misooma koridaraa hojjetamaa jiru cimnee itti fufna jechuun Jiraattonni aanichaa dubbatan. Misoomni koridaraa otuu hinjalqabami dura daandileenfi manneenfi iddoon tokko tokko yeroo deeraaf otuu hinhooromsamin turuurraa kan ka’e akka malee dulloomuudhaan fi miidhamuu akkasuma iddoo balfi adda addda Itti gatamaniifi seebaafi maqaa gaarii magaalattiin qabdu waliin kan hindene…

Read More

Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa, Konistiraakshinii fi Dhimma Bulchiinsa Magaalaa guyyaa har’aa daawwannaa iddoo Manneen waliin jireenyaa Bulchiinsa jala jiranii gaggeesse.

Walitti qabduun Koree dhaabbii dhimma misooma magaalaa, konistiraakshinii fi bulchiinsa magaalaa mana marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoon Aadde Beezaa Damtoow akka jedhanitti waldaaleen manneen waliin jireenyaa keessatti gurmaa’an naannoo isaanii qulqulluu, magariisa fi miidhagsuu akka qaban dubbataniiru. Manneen waliin jireenyaa keessatti hojiiwwan qulqullinaa fi kana fakkaatan hundaaf itti gaafatamummaa mootummaan mootummaa qofa osoon hin kan…

Read More

Hojiin misooma Kooriidaraa Aanaa 02 keessatti raawatamaa jiru Aanichaaf Dadamaqiinsa ol’aanaa uumaa akka jiru jiraattonni Aanichaa ibsan.

Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aanaa 02 tti kan jalqabame Boqqonnaa Lammaffaan Hojii misooma Kooriidaraa Aanaa 02 tti Riqicha Aakiir ykn Riizooltii Sabriyaatii hanga Riqicha Keellaatii ykn Chaayinaatti kan Hotelela Shariif cinaatti hojjatamaa jiru Aanichaaf Dadamaqiinsa ol’aanaa akka uumaa jiru jiraattonni Aanichaa yaada nuuf laatan ibsan. Bu’uruma kanaan Jiraattonni Naannawa Hojiin misooma Kooriidaraa kun itti raawwatamaa jiru…

Read More

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii Aanaa 08tti raawwii karoora ji’oottan dabran ilaalchisuun daawwannaa Iddoo gaggeesse.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii Mana marii Dirree Dhawaa raawwii karoora ji’oottan dabran kan Aanaa 08 gamaaggamuun, gurmaa’ina nagaa jiraattota waliin qindoominaan hojjachuu, misooma, bulchiinsa gaarii fi keessumattuu damee nageenyaa irratti qindeema uumamuun damee nageenyaa irratti bu’a qabeessa ta’ee hojjechuu akka danda’an hoggantootni Aanichaa koree dhaabbii kanaaf ibsaniiru. Walitti qabaan Koreen Dhaabbii…

Read More