Rakkoolee Hawaasaa haala ittiin Saayinsiin furuun danda’amu irratti mari’atame

    Wal-tajjii marii kan Dura-buutonni Manneen Barnootaa fi Manneen Barnootaatti
    Qindeesitoonni Tuuta Saayinsii warren ta’an kan irratti hirmaattan Rakkoolee
    Hawaasaa haala ittiin Saayinsii fi hojiiwan kalaqaattiin furuun danda’amu irratti
    mariin geggeefameera.

    Wal-tajjii kana irratti haasawa kan taasisan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaan
    Adeemsa Hojii Saayinsii , Teknooloojii fi Innoveeshinii Obbo Haarun
    Abdurahmaan akka jedhanitti hojiiwan kalaqaa kanneen rakkoolee hawaasa gara
    garaa furuuf danda’aniif deegarsaa fi hordoffii cimaan taasisuun hojii
    xiyyeeffannoon fi qindoominaan hojjachuu qabnuudha jedhan.