Hoogantoonni ol’aanoo fi sadarkaa gara garaa Paartii Badhaadhina irratti mari’atan

    Hoogantoonni ol’aanoo fi sadarkaa gara garaa kan Dhaabileen ADWUI fi
    Dhaabileen Deegartootaa kanneen Bulchiinsa Dirree Dhawaatti argaman Sagantaa
    fi seera ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaa irratti wal-tajjii marii geggeessaa
    turan xumuran.

    Walga’ii kana irratti Ka’umsi riifoormii paartii badhaadhinaa fedhii ummataa
    galmaan ga’uu , faayidaasaa fi Mirgoottan Namummaa fi Dimokraasii eegsisuu fi
    mirkaneessuu taachaa fi “Kaayoo fi sagantaan paartii badhaadhinaa sirni federaalaa
    sabdaneessaa bu’ura cimaarra akka dhaabatuu fi biyyattiitti demokiraasiin akka
    dagaagu dandeessisuufi malee yoomiyyuu duubatti kan deebi’u miti” jechuun
    barruun dhiyaatee mariin irratti geggeefameera.
    Sagantaa fi seera ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaa irratti dhiyaachuun
    akkasumaas Wal-tajjii kana irratti hirmaatonni yaadaa fi gaaffiiwan gara garaa
    kaasuudhaan mariin bal’aan irratti geggeefameera.