Hojjatootni Mootummaa Sagantaa fi seera ittiin bulmaataPaartii Badhaadhinaa irratti mari’attan

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti kan argaman Miseensotni Dhaabileen ADWUI fi
    Dhaabileen Deegartootaa Hojjatoota Mootummaa kan gara Paartii Badhaadhinaatti
    makaman marii geggeessan.

    Wal-tajjii marii kana irratti Ka’umsi riifoormii paartii badhaadhinaa fedhii
    ummataa galmaan ga’uu , faayidaasaa fi Mirgoottan Namummaa fi Dimokraasii
    eegsisuu fi mirkaneessuu taachaa fi “Kaayoo fi sagantaan paartii badhaadhinaa
    sirni federaalaa sabdaneessaa bu’ura cimaarra akka dhaabatuu fi biyyattiitti
    demokiraasiin akka dagaagu dandeessisuufi malee yoomiyyuu duubatti kan
    deebi’u miti” jechuun barruun dhiyaatee mariin irratti geggeefameera.
    Sagantaa fi seera ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaa irratti dhiyaachuun
    akkasumaas Wal-tajjii kana irratti hirmaatonni yaadaa fi gaaffiiwan gara garaa
    kaasuudhaan mariin bal’aan irratti geggeefameera.