Bara Bajataa 2012 tti Karoora raawachuuf qabatee ji’oottan 6 kan raawachuu qabu keessaa
Dhibbeentaa harka 82.18 milkeessuu beeksisuu kan danda’e taachaa
Daayireektariin Ol’aanaan Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid
Mahama beeksisan.
Obbo Kaalid kan kan beeksisan ganama kana Waajira isaaniitti Karoora raawii Hojii ji’oottan 6
ilaalchisuudhaan Ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin akka jedhanitti walakkaa waggaa kanatti
Karoora raawachuuf qabatan Birrii 811,154,199.38 keessaa Dhibbeentaa harka 82.18 jechuuniis
Birrii 666,628,112.54 sassaabuu fi kuniis kan waggaa Darbee yeroo wal-fakkaataan yoo wal-bira
qabamee ilaalamu Dhibbeentaa harka 21.85 ykn Birrii 119,550,700.55 kan caalu taachaas Obbo
Kaalid addeessaniiru.


