Hojii Baruu fi Barsiisuu Yuunivarsitiif Hawaasni Bulchiinsaa marti ga’ee isaa akka gumaachu waamichi dhiyaate

    Yuunivarsitii Dirree Dhawaa Hojii Baruu fi Barsiisuu haala Nageenyaan itti-fufsiisuuf Ganama
    arraa jechuuniis Amajii 7 Marii Koonfiransii Nageenyaa geggeefame irratti ergaa kan dabarsan
    Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Mahamad Buuh Hojii Baruu fi Barsiisuu
    Yuunivarsitiif Hawaasni Bulchiinsaa marti ga’ee isaa akka gumaachu waamichi dhiheessaniiru.
    Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Pirezidaantiin Itti-Aantuu Dr. Ubaah Adam akka jedhanitti
    rakkoo yeroo gara garaatti Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti mudachaa ture kan keessattuu Lubbuu
    Baratoota Lamaa gaaga’uun kan nama gaddisiisuudha jedhanii rakkoo ture haala waaraan furuuf
    hojiiwan gara garaa hojjatamaa jiraachuus addeessaniiru.
    Marii Koonfiransii Nageenyaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaa geggeefame kana irratti Itti-Aanaan
    Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Mahamad , Geggeesotni Yuunivarsitichaa , Bakka Buutonni
    qaamolee Hawaasa gara garaa kan irratti hirmaattan yoo ta’u barruun qorannoo kan haala ittiin
    Nageenya waaraa siransuun danda’amu kan mul’isu dhiyaatee mariin irratti mari’atameera.