Bulchiinsa Dirree Dhawaa Koonfiransii haala qabiinsaa Qabeenya Uumamaa ,
Eegumsa Naannoo ,Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa irratti geggeefame irratti
argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa
Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faxum Musxafaa Dhaloota hegereef Dirree
Dhawaa mijooftuu dabarsuuf Eegumsa Naannoof hojjachuu qabna jedhan.
mariin Koonfiraansii geggeefame kana irratti barruun qorannoo kan haala
qabatamaa qabiinsaa Qabeenya Uumamaa , Eegumsa Naannoo sadarkaa irra jiruu
fi fuul-duraaf rakkoo Qabeenya Uumamaa , Eegumsa Naannoo kana hiikuuf
kallattii furmaataa dhimmoottan hammate barruun dhiyaatee mariin irratti
geggeefameera.
Hoji-geggeessaan Waajjira Abbaan Taayitaa Naannoo ,Bosonaa fi Jijjiirama
Qilleensaa Obbo Abduu Mahaamad gaaffiiwanii fi yaada marii kana irraa kan’aniif
ibsa laataniiru.


