Waggaa 80 booda Ragaa Abbaa Qabiyyee Lafaa (Kaartaa) argattan

    Dhaabilee Amantii kanneen guyyaa har’a Ragaan Abbaa Qabiyyee Lafaa (Kaartaa)
    kennameef kanneen Umrii waggoottan saddeetamii booda argachuu waan
    danda’aniif gammachuun ol’aanaan akka itti dhaga’ame Abbootiin Amantaa sirna
    kana irratti haasawa taasisaniin ibsan.

    Wal-tajjii kana irratti Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Hooganaan Biiroo Daldalaa
    Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar kanaan boodaas dhaabilee Amantaa
    kanneen Iddoo waaqefannaa hin qabne rakkoo isaanii dabalatee haala jiru irratti
    waliin akka hojjatan ibsan.

    Hooganaan Biiroo Maanaajimantii fi Misooma Lafaa Dr. Daraaraa Huqaa gama
    isaaniin akka jedhanitti Dhaabilee Amantii kanneen guyyaa har’a Ragaan Abbaa
    Qabiyyee Lafaa (Kaartaa) kennameef kun haaluma lafa qabatanii jiraniin akkuma
    jiranitti Pilaanii osoonii fi hubannoo keessa hin galchin kan kennameef taachaa
    addeessaniiru.