yeroo jalqabaaf kan Hundeefame Gareen AtleetiksiiAfran Qalloo Shaakallii jalqabe
kutaa Baha Biyya teenyaa Itiyoophiyaatti Yeroo jalqabaaf kan Hundeefame Gareen Atleetiksii
Waldayni Garee Atleetiksii Afran Qalloo sochii shaakallii Ispoortii geggeessuu jalqabeera .
Ganama kana jechuuniis Amajjii 27, 2012 Garee Atleetiksii Afran Qalloo sochii shaakallii
Ispoortii geggeessaa jiran deegarsaa fi hamilee Garee Atleetiksii Afran Qalloo kanaaf kan
laachaa osoo jiranii argine Bakka Bu’aa Koomishinarii Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii fi
Abbaa Adeemsa Hojii Dargaggoota Ga’oomsuu Obbo Iskandar Ahmad yaada nuuf laataniin
akka jibsanitti Kutaa Baha Biyya teenyaatti gareen Atleetiksii irratti Hundeefame Garee
Atleetiksii Afran Qalloo ji’oota muraasa darban sochii Garee kan hundeessuuf Koomishinii
Dargaggoo fi Ispoortiif Gaaffii Dargaggootni dhiheessan irratti haal-duree Guutamuu qabanii fi
barbaachisummaa Garee Atleetiksii kana irratti marriiwan erga taasisaa turan boodaa haal-duree
guutaniin beekamtii laatameefii hundeefamuus eeranii.
Marii hundeefama Garee Atleetiksii Afran Qalloo kun akka kutaa Baha Biyya teenyaa
Itiyoophiyaatti kan hundeefame jechuuniis Naannoo Soomaalee , Naannoo Hararii , Godina
Harargee Bahaa fi Dhihaa fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti dargaggoota fedhii fi kennaa
Atleetiksii qaban deegaruun milkeessuuf yaadamee kan hundeefame taachaas eeranu.
shaakallii Ispoortii geggeessaa Leenjisaa Garee Atleetiksii Waldaya Afran Qalloo kan ta’an
Jamaal Buuquu fi miseensota Garee Atleetiksii kan ta’an Mulugeetaa Faxanaa fi Shaamee
Abdurahmaan yaada nuuf laatan akka jedhanitti Garee Atleetiksii Afran Qalloo kun
hundeefamuun isaa Dargaggoota Kutaa Baha Biyya teenyaa kan fedhii fi kennaa Atleetiksii
qabaniin akka milkaa’uuf danda’an carraa guddaa kan uumu taachaa fi kanaafiis deegarsi
argannuun milkaa’uuf cimnee hojjachaa jirra jedhan.


