Qulqulina miidhaginaaf hawaasni akka tumsu waamichi dhiyaate

    Magaalaan Dirree Dhawaa qulqulluu fi miidhagduu akka taatu hawaasni koosiiwan iddoo sirriitti
    qabuun qaamolee qulqulleessaniin akka qulqulleefamu taasisuu irrattii fi iddoo hin malle
    keessattuu daadiiwan irratti gatuun miidhaginaa fi qulqulina magaalattii balleessuun
    dhibeewaniif saaxilamuun duratti shoora gama isaa bahachuu akka qabu Ejansii Qulqulinaa fi
    Miidhagina Magaalaan Dirree Dhawaatti Abbaan Adeemsa Hojii Misooma Magariisaa ,
    Iddoowan Paarkiiwan Boqonnaa (Manaafashaa fi ) iddoowan qabrii ykn Awaalchaa Obbo
    Biqilaa Taadasaa haala qulqulinaa fi miidhaginaa irratti turtii waliin goonneen akka nuuf ibsanitti
    haasofsine Qulqulinaa fi miidhagina Magaalaa teenyaa hawaasni akka tumsu waamichi dabarsan.

    MagaalaaN teenya miidhagduu fi Magariisa Gochuuf hojiin geggeefamaa jiru kan mootummaan
    qofti taasisaa jiru taachaa eeranii keessattuu Abbootiin qabeenyaa hojii kana irratti tumsuudhaan
    hojii magaalattii miidhagduu fi magariisa taasisuu kana irratti qooda fudhachuudhaan
    achumaaniis tajaajilaa fi oomisha isaanii akka beeksifattan waamicha dhiheessaniiru.
    hojii magaalattii miidhagduu fi magariisa taasisuu namootni dhuunfaan hojiiwan gara garaa
    raawachaa jiraniis kan galateefamuudha jedhan.
    Kana malees Jiraataanii fi Abbaan Qabeenyaa magaalattii marti mana jireenyaa iddoowan
    daldalaa isaanii Meetira 20-50 qulqulina isaa eeguun akka misoomsan labsiin kan tumame waan
    ta’eef kanaas Jiraatotnii fi Abbaan Qabeenyaa marti hojii irra oolchuu akka qabaniis waamicha
    dabarsaniiru.