Dirree Dhawaatti Manneen waliin jireenyaa kum 20 haala itti ijaaramanii xumuraman irratti mariin taasifame

    Rakkoo yeroo gara yerootti hamaachaa dhufe kan hanqina mana jireenyaa Magaalaa
    Dirree Dhawaa furuun akka danda’amu Manneen waliin jireenyaa kum 20 waggoottan
    shaman dhufu keessatti kan ijaaramuuf jedhaniif kan oolu irratti mariin taasifame

    yeroo ammaa Bajata Bulchiinsa Magaalaattiin manneen ijaaramaa jiraniif kan Oolu
    Dhiheessa Faayinaansiif Liqaan Boondii haala ittiin mijaa’uu fi manneen ijaramaniis
    kafaltiin isaanii haala Baankii waliin walitti hidhamu irratti
    waggoottan muraasaan asitti rakkoo hamaachaa dhufe keessaa tokko kan ta'e hanqina
    mana jireenyaa kan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti mul’atu furuun akka
    danda’amu Manneen waliin jireenyaa kum 20 wa ijaaramuuniif irratti hoogantoonni
    ol'aanoon bulchiinsaa fi Ministeera Misooma magaalaa fi manneenii irraa hoogantoota
    dhufanii waliin mariin taasifameera
    mariin geggeefame kana irratti Chaartariin Magaalaan Dirree Dhawaa ittiin
    hundeefamtee turtee fi Heeraa fi Seerri Magaalaan Dirree Dhawaa ilaalchisuun hojii irra
    oolaa jiran jijjiirama magaalattii irratti gufuu akka ta’anii jiran eeruudhaan haala ittiin
    Heeraa fi Seerrotni kanneen fuuyyanii magaalattii haala isheen maluun Guddachuu akka
    dandeessu qaamni dhimmi ilaalatu xiyyeefannoon dhimma ilaaluu qabu taachaas
    eerameera.
    Marii kana irratti Hoogantoonni ol'aanoon Bulchiinsaa Afa-yaa’ii Mana Marii
    Bulchiinsaa Kabajamtuu Adde Faaxum Musxafaa , Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa
    Obbo Ahmad Mahamad Buuhii fi Sadarkaa Itti-Aanaa Kantiibaatti Hooganaa Biiroo
    Daldala , Indastirii fi Invastimantii Obbi Kadii Juhaar dabalatee Miseensotni Kaabinee
    Bulchiinsa Magaalaattii fi Bakka buutonni Ministeera Misooma magaalaa fi manneenii
    irraa dhufaniis marii kana irratti hirmaataniiru.