Godina Harargee bahaa fi Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Amantaawan argaman hunda irraa
kan walitti babahan Abboottiin Amantaa fi Dargaggootni jaarmayoota gara garaa irratti
walitti babahan kan irratti hirmaattan wal-tajjiin leenjii hubannoo uumuu geggeefameera
Nageenya Harargee bahaa siransuudhaan ga’een Dargaggoota ol’aanaadha jedhan .
Qopheessummaa Gumiin Dhaabilee Amantaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hordoftoota
Amantaaf duudhaawan waliin jireenya Amantaawanii “ Hariiroon Kiristaanaa fi
Muslimaa Nageenyaaf ” dhaadannoo jedhuun wal-tajjii leenjii hubannoo Bulchiinsa
Dirree Dhawaatti laatameera.
Wal-tajjii kana irratti haala wal-dhibdeen Amantaalee jidduutti mudatullee mariin furuun
danda’amuufi miira keessa galuun duratti fageessanii yaaduudhaan Aadaan rakkoolee
mudattan mariin hiikuun danda’amu irratti leenjiin bal’aan laatamiin mriiniis
geggeefameera.
Gumiin Dhaabilee Amantaa Itiyoophiyaa Xalayaa Ragaa Galataa Dirree Dhawaaf kenne
Gumiin Dhaabilee Amantaa Itiyoophiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaattiif Xalayaa Ragaa
Galataa kana kan laate Bulchiinsi Dhaabilee Amantaa jidduutti Hariiroo akka cimuu fi
Nageenyaa fi Tasgabbii Amantaa jidduutti uumuuf tumsa ol’aanaa taasisaa tureef
Xalayaa Galataa gama Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Mahamad Buuhiin
laateera.
Sagantaa kenniinsa Xalayaa Ragaa Galataa kana irratti Barreessaa Ol’aanaa Gumiin
Dhaabilee Amantaa akka jedhanitti Bulchiinsi Dirree DhawaaDhaabilee Amantaa
jidduutti Hariiroo cimaa akka qabaataniif deegarsa cimaa gochaa turuu fi akkasumaas
Magaalattiitti Nageenyaa fi Tasgabbii Amantaa jidduu akka jiraatuuf hojii ol’aanaa
taasisaa tureera jedhan.
Guyyaan Ayaana 8 ffaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Damee bahaa kurfii gara garaan kabajamaati
jira.


