Guca Olompikii lammaffaa Dirree Dhawaatti Qabsiifamuuf kurfiin taasifamaati jira

    Alada dhufu jechuuniis Gurraandhala 15 Dirree Dhawaatti Gareen Olompikii Ityoophiyaa
    Guca lammaffaa Dirree Dhawaatti Qabsiifamuuf kurfiin taasifamaati jira

    Guci jalqabaa gareen olompikii Ityoophiyaa Magaalaa Handhura Oromiyaa Finfinneetti
    kan qabsiifame yoo ta’u Gareen Olompikii Ityoophiyaa Guca lammaffaa Dirree
    Dhawaatti Alada dhufu jechuuniis Gurraandhala 15 ni qabsiifama jedhameeti eegama.

    Preezdaantin FDRI Saahilawarqi Zawdee guca jalqabaa garee olompikii Tookyoo 2020
    ifatti qabsiisaniiru.
    Sirna kanarratti Preezdaanti FDRI Saahilawarqi Zawdee dabalatee hoggantoonni hojii
    olaanoo magaalaa Finfinnee, hoggantoonni garee olompikii ,atileetonni, fi hawaasni
    ispoortii akkasumas jiraattonni Magaalaa Finfinnee hirmaataniiru.