Gatii meeshaalee Ayyaana Bara Haaraa tasgabaa’aa taachaa namootni yaada nuuf laatan ibsan

    Bulchiinsa Dirree Dhawaa iddoowan gabaa gara garaatti haala Gatii meeshaalee  kan Ayyaana Bara Haaraa walqabatee jiru ilaalchisuudhaan jidugaloota gabaa kanneen gara garaa keessatti namoota gaafannee yaada nuuf laatan Gatii meeshaalee  Ayyaana Bara Haaraa tasgabaa’aadha jedhan.

    jidugala gabaa Qafiiraatti Namoota dubbifne keessaa Adde Imabeet Mogos yaada nuuf laatan Gatii meeshaalee Ayyaana Bara Haaraa tasgabaa’aadha jedhan.

    jidugala gabaa Jalaaba Horii Ashawaatti Namoota dubbifne keessaa Obbo Biiniyaamiis Gatiin Beeyladaa akka sodaatanitti osoo hin taane tasgabaa’aa fi namuu hanga human isaan akka bitachuu danda’u kan tasgabaa’eedhaa jedhan.

    Ayyaanni , Kan Naggeenyaa , Kan Fayyaa fi Kan Guddinaa akka Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Biyya Teenya Itiyoophiyaa maraaf ta’uus hawwaniiru.