Akka Idil-adunyaatti yeroo 5ffaaf fi akka Biyya teenya Itiyoophiyaatti yeroo 3ffaaf Guyyaan Odeefannoo Idil adunyaa Bara kanaa Fuulbanni 18 Bulchiinsa Dirree Dhawaatti marii paanaaliin kabajame.
Sagantaa kabaja Guyyaan Odeefannoo Idil adunyaa kan marii paanaaliin kabajame kana Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Mootummaa Dirree Dhawaa fi Dhaabatni Abba-Gaar kan damee Dirree Dhawaa gamtaan kan qopheessan yoo ta’u Kurfii
Daayireektariin Ijoon Dhaabata Abba-Gaar damee Dirree Dhawaa Obbo Dachaas haasawa taasisaniin akka jedhanitti dhaabatni Mootummoota Gamtoomanii Guyyaan Fuulbana 18 akka Guyyaan Odeefannoo Idil adunyaa akka ta’u murteessee kabajamaa jiraachuu fi Odeeffannoo Waqtaawaa Battalatti Argachuun mirga Dimokraasii qofa Osoo hin taane Mirga Namummaa taachaa addeessan.
Kurfii kana irratti argamuun haawasa Baniinsaa kan taasisan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh gama isaaniin akka jedhanitti Odeefannoon jiruu fi jireenya Nama dhunfaafiis ta’ee hawaasaaf murteessaa taachaa Aadaa Hawaasni Biyya teenyaa kanneen iddoo gara garaa haala ittiin Odeefannoo walii dabrsaa turan mil’achuun qofti ga’aadha jedhan.
marii paanaalii kana irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsa Dirree Dhawaa , Ogeeyotni Komunikeeshinii kan dhaabilee Sektaroottan Bulchiinsaa fi Ogeeyotni Miidiyaas kan hirmaattan yoo ta’u Barruun qorannoos Miidiyaa fi haala ittiin Odeefannoon kennuun wal-qabatee jiru rakkoolee fi mala furmaataas kan mul’isu dhiyaatee mariin irratti geggeefameera.


