Waggaa waggaan Sadaassa 15 hanga 30 kan kabajamu Guyyoottan 16’n farra miidhaa Korniyaa Kurfiiwan gara garaan Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti kabajuuf kurfiin xumuramuun Hoogantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Bulchiinsaa Adde Kariimaa Alii ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin ibsaniiru.
Sadrkaa Idil-Adunyaatti yeroo 29 akka biyya Teenya Itiyoophiyaatti ammo yeroo 18 ffaaf Guyyoottan 16’n farra miidhaa saalaa kan bara kanaa kan ‘‘ Dubartoota irratti Miidhaawan Korniyaa Raawataman Dhaloota hin fudhanne Gamtaan Uumna ’’ dhaadannoo jedhuun Guyyoottan 16’n farra miidhaa Korniyaa Kurfiiwan gara garaan hawaasni miidhaan Korniyaa Dubartoota irraan miidhama ol’aanaa roga baay’ee geessisu hubatee balaa kana akka ittisuu danda’u taasisuun miidhaa Korniyaa Dubartoota irratti raawataman xiqqeessuuf karoorfannee qophiin xumuramuus Adde Kariimaan addeessaniiru.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti miidhaa Korniyaa Dubartoota irra ga’u yeroo gara yerootti xiqqaachaa jiraachuu kan eeran Adde Kariimaan erga Dhibeen Vaayirasii Koronaa mudateen as Bulchiinsatti miidhaa Korniyaa Dubartoota irra ga’an sadi galmaa’uu eeranii waggoottan kurna itti aananitti miidhaa Saalaa Dubartoota irra ga’u gara dhibbeentaa 5 % tti gad-buusuuf qaamolee ga’ee waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuus addeessaniiru.
Bulchiinsi Baasii Birrii Miiliyoona 27 oliin kan ijaarsisaa jiru Piroojektiin Jiddu-gala Turtii Daa’immanii fi Jiddu-Galli Kabsachiisa Dubartoota miidhaan Saalaa irra ga’ee kan yeroo dhihootti akka xumuramu eegamaa jiru hojii yeroo jalqabe miidhaa xiil-Sammuu Dubartoota irra miidhaa ga’u malu haala gaariin deebisanii kabsachiisuu irratti hojii yeroo ammaa Mana kiraatti kennamaa jiru daran babal’isuu fi qaqabaa taasisuun akkasumaas miidhaa irrissuuf shoora ol’aanaa akka gumaachuus Adde Kariimaa Alii addeessaniiru.


