Qormaanni Kutaa 8ffaa Mudde 1 irraa jalqabee akka kennamu ibsame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Ministeerri Barnootaa Sagantaa karooraa kan Hanga Mudde 30 tti Naannolee martti Qormaatni Naannoo kan kutaa 8ffaa akka xumuramu bu’uruma kaa’een Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Qormaatni Naannoo kan kutaa 8 ffaa Mudde 1 irraa jalqabee hanga Mudde 3 kennuuf kurfiin xumuramuu Hoogantuun Biiroo Barnootaa Bulchiinsaa Adde Muluukaa Mahamad guyyaa arraa ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin ibsan .
    Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaa Bulchiinsatti sababa dhibee Weeraraa Vaayirasii Koronaa mudatee tureen bara 2012 tti Qormaatni Naannoo kan kutaa 8 ffaa osoo hin kennamin turuu fi barnootni irra deebii Guyyoottan 45 Baratoota 7113 Manneen Barnootaa 90 keessatti Dareewan Barnootaa 289 tti qormaata laachuuf kurfiin xumuramuu eeraniiru.
    Qormaatniniis Qabiyyee Barnoota Kutaa 7 ffaa Guutuu fi kan Kutaa 8 walakkaa jalqabaa (duraa ) akka hammatuus Adde Muluukaa addeessaniiru.