Dirree Dhawaa Deegarsa Midhaan nyaataa late
Yuunivarsitiin Dirree Dhawaatti Tajaajila Hawaasaa fi Qorannoottiin balaa Hoomaa Awwaanisaa kan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti mudateen Qonnaan Bultoota Midhaan Ooyruu Awwaanisaan duraa miidhamee fi margi Qoonqoo beeyladootaa awaanisaan waan nyaadhameef Qonnaan Bultoota jiraatota Araddaa Baadiyaa Laga-Odaa Gunuunfataa 320 Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa Deegarsa Midhaan nyaataa Kuntaala 160 late.
Qonnaan Bultoota Bulchiinsa Dirree Dhawaatti argamaniif deegarsa taasisuudhaan cinatti Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa Deegarsa fuuldurattiis Hojii Qorannoowan rakkoolee hawaasaa hojjachuun jireenya hawaasaa jijjiiruuf akka hojjatan taachaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Daayireektoreetiin Tajaajila Hawaasaa fi Qorannoo Dr. Wandiyifraaw Dajanee ibsaniiru.


