Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh Garee Kubbaa Miilaa Magaalaa Dirree Dhawaa jajjabeessuu fi hamilee laatan.
Kantiibaa Ahmad Buuh wayita hamilee laatan akka jedhanitti isin tapha gaarii taphachuun injifadhaa nuus isin gammachiifna jedhan. Miseensota Kaabinee Bulchiinsaa ta’an Hooganaa Biiroo Konistiraakshinii fi misooma Manneenii Injiinar Jamaal Ibraahim fi Hooganaa Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii ta’uun waliin hamilee laataniiru.
Hooganaa Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Itti Aanaa walitti qabaa Boordii Garee Kubbaa Miilaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii gama isaaniin Isin taphaan injifachuun seenaa Injifannoo kubbaa miilaan Dirreen qabaachuu turte deebisaati Ummata Dirree Dhawaa gamachiisaati dhimma biroo nutti dhiisaa jedhaniiru.
Gareen kun tapha Liigii Itiyoophiyaa marsaa 4 Garee K.M. Walaayitaa Diichaa waliin Sabtii ni taphatu.


