Paartiin Badhaadhinaa duula filannoo Dirree Dhawaatti geggeessuu jalqabe.

    Filannoo marsaa 6ffaa Biyyaalessaa kan geggeefamuuf jedhuuf duula filannoo Paartiin Badhaadhinaa guyyaa arraa Guraandhala 17-2013 Dirree Dhawaatti jalqabame kana irrattii Itti-Gaafatmaaan Waajira Paartii Badhaadhinaa kan Damee Dirree Dhawaa Obbo Maabraatee Gabrayas filannichaaf Biilboordiin duula Paartii Badhaadhinaa filadhaa fi Mallattoo Paartichaa Aampoolii Iftuu fi ergaa dhaadannoo Paartii Badhaadhinaa filadhaa qabdu tan qophoofte ifatti banuun duula kana yeroo jalqabsiisa akka jedhanitti imala Biyyi teenya gara badhaadhinatti ce’uuf jalqabne milkeessuuf mallattoo keenya Aampoolii iftu taachaa hubachuun Ampoolii iftu filadhaa jedhanii Paartii Badhaadhinaa Lammiiwan biyya teenyaa mara wal-qixa hammatu taachaa hubadhaati nu filadhaa jechuun dhaamaniiru.
    Sagantaa kana irratti Geggeesotni Paartii Badhaadhinaa kan damee Dirree fi Hoogantoonni Bulchiinsaa Hooganaa Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Isqiyaas Taafasaa fi kanneen gara garaa hirmaataniiru.