Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaan Piroojektii Misooma Seeftineetiin Abbaa fi Haawan warraa hamatamanii turan kum 3 fi 428 ebbifamuudhaan turtii waggoottan sadii ce’aniiru.
Hojiiwan Ijoo irratti hojjachaa turan Koosii sassaabuu fi qulquleessuu, misooma magariisaa, misooma sululaa fi Ijaarsa piroojektoota xixiqoo irratti bobbaba’uun miseensonni maatii kan kum 46 ta’u fayyadamoo ta’aniiru.
Sagantaa Eebba Hojiiwan Bu’uraalee Misoomaa kan Piroojektii Misoomawaa Seeftineetiin hojjatamanii irratti Sagantaan Piroojektii Misooma Seeftineetii jiruu fi jireenya hawaasa baay’ee jijjiiraa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh ibsan.
Sirna eebba fayyadamtoota Sagantaa Piroojektii Misooma Seeftineetii haala miidhagaan geggeefameera.


