Misoomni Baadiyaa Misooma Magaalaaf bu’ura waan ta’eef xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuun ibsame.

    sirna Goolabii Hojii Misooma Sululaa marsaa 8ffaa Bulchiimsa Dirree Dhawaa qophaa’e irratti keessummaa Kabajaa ta’uun kan argaman Bakka Bu’aa Kantiibaa Bulchiimsa Dirree Dhawaa fi Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsaa Obbo Sulxaan Aliyyii haasawa taasisaniin akka ibsanitti Misoomni Baadiyaa Misooma Magaalaaf bu’ura waan ta’eef xiyyeefannoon Ol’aanaan keessattuu Uwisa Bishaan Dhugaatii fi hojjatamaa jiraachuun ibsame .
    Araddoota Baadiyaa 38tti, Ogeeyyii Jidugala Misooma Qonnaaf, Deegartoota Araddoota Baadiyaa Xalayaan raga kan sadarkaa gara garaa yoo kennamu Kilaastaroota Baadiyaa Bulchiimsa Dirree Dhawaa Afraniif ammo Geebni kennameera.
    sagantaa kana irratti Dura Buutonni Araddoottan Baadiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa 38 , Ogeeyyiin Misooma Qonnaa , Deegartoota Araddoota Baadiyaa akkasumaas Hoogantoonni Bulchiinsaa fi Dhaabaa iddoo argamanitti hojiin misooma Sululaa marsaa 8ffaa haala miidhagaa ta’een goolabameera.