Baratoonni Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhatan 702 qabxii 600 galmeessan.

    Qormaatni Biyyaalessaa bara barnootaa 2012 kan Kutaa 12ffaa sababa Koranaan akka Idil-Adunyaattii fi biyya teenya Itiyoophiyaatti mudateen osoo hin kennamin kan ture torbaan muraasa dura kenname bu’aan qormaata boru irraa jalqabee akka ifoomu ibsameera.
    baratoonni gama SMS 8181 bu’aa qormaata isaanii beekuu akka danda’aniis ibsameera.