Haala itti Kafaltootni Gibira Tajaajilamaa jiran daawatame.

    Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa haala ittiin Tajaajila Laatuu fi Kafaltootni Gibiraas haala ittiin Tajaajilamaa jiran Waajjira Ijoo Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti argamuun kan daawatan Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa fi Hooganaan Biiroo Daldala, Indastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar fedhii fi kaka’uumsa Kafaltootni Gibiraa Gibira kafaluuf mul’isan dinqisiifatanii Abbaan Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa kenniinsa Tajaajilaa daran akka fooyessaa deemuu qabuus dhaaman.
    Daayireektarri Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdulsalaam Mahamad gama isaaniin akka ibsanitti Kafaltootni Gibiraa keessattuu Kafaltootni Gibira kan Sadarkaa C yeroo kafaltii muraasa hafeefitti sirnaan akka fayadamuun kafalanii fi Dhibee Koronaa irraa of-Eegachaa kafaluu akka qaban dhaaman.