Magaalaa Dirree Dhawaatti hiriirri Deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi mormii garee ABUT gaggeeffame.
Guyyaa arraa Adooleessa 18 bara 2013tti Jiraattoonni Bulchiinsa Dirree
Dhawaa hiriira Deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi garee ABUT balaalefachuun ‘Ityoophiyaan moo’atteerti, gara fuulduraas ni moo’atti, nuti ijoolleen Dirree Raayyaa Ittisaa cinaa jirra, nuti Ityoophiyaanoon nageenya ni mirkaneessinaa’ dhaadannoowwan jedhuun
Jiraattoonni Jiraatota Baadiyaa fi Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa
hiriira mormii garee ABUT fi deeggarsa Raayyaa Ittisaa qaban ibsuun Hiriira gaggeessan irratti gocha gara jabeenyaa kan gareen ABUT lamiiwan naga’aa irratti
raawachaa jiruuf hawaasni idiladunyaa balaalefachuu kan qabuu jedhan….GALAALCHA DIRREE 15 Wixata – Adoolessa 26 – 2013oro 15
Dhageettiin Sirboota Afaan Oromoo YouTube irratti akkamiin wayyaa’uu eegale?
Aartistonni Afaan Oromootiin walleewwan garaagaraa hojjetan akkaataa
eeganiin irraa fayyadamuu dhabuusaanii kaasaa turanis yeroo dhiyoo as garuu
fudhatamummaan walleewwan Afaan Oromoo dabalaa jira.
Weellistoonni hedduun kilippiiwwan sadarkaasaanii eeggatan hojjechuudhaan
waan miira dorgommii keessa galan fakkaatu…..GALAALCHA DIRREE 15 Wixata – Adoolessa 26 – 2013oro 15


